Waa’ee Itoophiyaa Cheek

Itoophiyaa Cheek dhaabbata odeeffannoo qulqulleessu yemmuu ta’u, ALA Waxabajjii 2020 erga hundaa’een booda ALA Hagayya 2020 irraa eegalee qaama pirojektii dhaabbata Intarniwus Itoophiyaa keessaa ta’uun hojjechaa tureera. Ammatti Itoophiyaa Cheek dhaabbata of danda’e yemmuu ta’u, Waldaa Abbaa Imaanaa /Trust Organization/ ta’un Keeniyaa keessatti galmaa’era. Dhaabbatichi Amaariffa, Afaan Oromoo fi Tigriffaan hojjechaa kan jiru yemmuu ta’u miidiyaalee hawaasaatti fayyadamuun tilmaamaan namoota miliyoona 7 ol dhaqqabuu danda’eera. Kana malees miseensa  Afriikaa Faaktis Neetwork /Africa Facts Network/ yemmuu ta’u mallatteessitoota Intarnaashinaal Faakt Cheeking Neetwork /International Fact Checking Network/ ta’uuf iyyata galfateera. Itoophiyaa Cheek yeroo ammaatti hojiilee ijoo sadi irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Isaanis:

            a, Odeeffannoo qulqulleessuu

            b, Barnoota hubannoo itti fayyadama miidiyaa

            c, Leenjii fi dandeettii cimsuudha. 

Qaama Seerummaa Itoophiyaa Cheek 

Itoophiyaa Cheek dhaabbata odeeffannoo qulqulleessu fi bu’aadhaaf hin dhaabbannedha.  Dhaabbatichi Waldaa Abbaa Imaanaa /Trust Organization/ ta’uun Galmee Sanadootaa Ripablika Keeniyaatti lakkoofsa galmee 2252/D7/3174/MMXXII jedhuun galmaa’era. 

Imaammata Walabummaa

Itoophiyaa Cheek dhaabbata of danda’e fi walaba ta’ee hojjetudha. Kanaafis hojjettootni dhaabbatichaa wayita qacaramanitti imaammata walabummaa dhaabbatichaa ilaalchisee leenjii ni fudhatu. Bu’uura kanaanis qajeelfamotni walabummaa dhaabbatichaa kunneen armaan gadiiti:

  • Hojjettootni dhaabbatichaa dhaaba siyaasaa kamiifuu deeggarsa taasisuu yookiin duula gaggeessuu hin danda’an
  • Hojjettootni dhaabbatichaa meeshaalee dhaabbatichaatti fayyadamuun dhaaba yookiin garee siyaasaa deeggaruu hin danda’an
  • Hojii odeeffannoo qulqulleessuu qaama siyaasaa yookiin nama dhuunfaa fayyadu hojjechuuf mattahaa fudhachuun dhorkaadha
  • Hojjettootni dhaabbatichaa dhaaba yookiin garee siyaasaa deeggaruuf walgahiiwwanfi sagantaalee irratti hirmaachuu hin danda’an
  • Hojii odeeffannoo qulqulleessuu keessatti ilaalcha dhuunfaa ida’uun yookiin loogii gochuun dhorkaadha

Hubachiisa: Hojjettoota qajeelfamoota kunneen cabsan irratti qorannoon barbaachisaan erga taasifame booda balleessaa raawwachuun isaanii yoo mirkanaa’e tarkaanfiin ni fudhatama. 

Deeggarsa 

Itoophiyaa Cheek Dhaabbata Abbaa Imaanaa Keeniyaa keessatti galmaa’edha. Hagayya 2020 hanga Sadaasa 2022tti pirojektii Dhaabbata Intarniws kan ture yemmuu ta’u, Mudde 01, 2022 eegalee dhaabbata of danda’e ta’uun socho’aa jira. Dhaabbatichi hojii odeeffannoo qulqulleessuu hojjetuuf, leenjiiwwan kennuuf akkasumas waltajjiilee marii qopheessuf Intarniws irraa deeggarsa maallaqaa kan argate yemmuu ta’u deeggarsi kun Mudde 2022 hanga dhuma Hagayya 2023tti kan turudha. 

Adeemsa Odeeffannoo Qulqulleessuu

Ulaagaalee Odeeffannoowwan Qulqulleessinu Itti Filannu

Itoophiyaa Cheek ulaagaalee garagaraa bu’uura godhachuun odeeffannoowwan qulqulleessu filata. Ulaagaaleen kunis hammeentaa facaatii/tamsa’ina odeeffannichi qabu fi dhiibbaa odeeffannichi uumuu danda’udha. Dabalataan hordoffii miidiyaa itti fufiinsa qabu taasisuunfi qaamolee dhimmichi ilaallatu haasofsiisun yaadni garee hundaa akka hammatamu taasisa.

Imaammata Sirreeffamaa fi Komii 

Hojiilee odeeffannoo qulqulleessuu hojjennu ilaalchisee yaadafi komii yoo qabaattan gama imeelii fi bilbilaan nu qunnamaa. Yaada, komii yookiin ergaa sirreeffamaa keessan toora imeelii [email protected] irratti yookiin lakkoofsa bilbilaa +251974058699 irratti ergaa gabaabaa nuuf ergaa. Qabiyyee hojjennu keessatti dogongorri yoo jiraate mataduree ‘Sirreeffama’ jedhuun maxxansa haaraa ni qoodna. Qabiyyee maxxansine tokkorratti odeeffannoo dabalataa laachuun barbaachisaa ta’ee yemmuu argamutti qabiyyee dursinee maxxansine irratti odeeffannoo haaraa ni idaana. Dhaabbatichi yaada, komiifi ergaawwan sirreeffamaa itti ergaman yeroosaanii eeggatee sakatta’uuf ni hojjeta.

Odeeffannoo yookiin eeruu akka mirkaneessinu barbaaddan qabduu? Nuf ergaa.