Feesbuukii irratti maxxansawwan buleeyyii akkamiin salphaatti barbaannee argachuu dandeenya?

Facebook search tools to learn about who posted what

Sadaasa 23, 2017

Taatee yeroo dhiyootti mudate dhoksuuf jecha maxxansawwan Feesbuukii turan wabeeffachuun mala namoonni odeeffannoowwan sobaa tamsaasan irra deddeebiin itti fayyadaman ta’aa jira.

Fakkeenuaaf suuraa yookiin viidiyoo dhiyeenya kaafamee qoodame tokkoon “suuraa ykn viidiyoo turedha, akkaawuntii ykn fuula Feesbuukii ebalu irrattis qoodamee ture” jechuun odeeffannoo qoodu.

Maxxansa isaanii kana keessatti garuu geessituu osoo hintaanee waraabbii iskiriinii (screenshot) suurichi ykn viidiyoon duraan maxxanfamuusaa agarsiisa jedhan qoodu.

Haa ta’u malee waraabbiin iskiriinii isaan qoodan waraabbii iskiriinii sirrii osoo hintaanee fakkeeffamee kan hojjetamedha.

Gama biraatiin maxxansa isaan jedhan kana fuula ykn akkaawuntii Feesbuukii jedhame keessa seenee barbaaduun yeroo dheeraa nutti fudhachuu danda’a.

Yeroo akkanaatti marsariitii maxxansa ture tokko karaa salphaan yeroo gabaabaatti barbaaduu nu dandeesisu fayyadamuun dadhabbii keenya xiqqeessuun dabalataan yeroo qusachuufiis nu gargaara.

Marsariitiin kun ‘Who Posted What’ jedhama. Marsariitichis ‘eenyu maal maxxanse’ kan jedhu baruu nu dandeesisa. Maxxansawwan waggoota dura Feesbuukii irratti qoodamanis yeroo gabaabaa keessatti barbaannee argachuu nu dandeesisa.

Marsariitiin kun wixinee nama qorannoo dijitaalaan maqaa qabu Henk van Ess yemmuu ta’u, gaazexeessitoota, namoota odeeffannoo qulqulleessan fi qorattootaan baal’inaan faayidaarra oola.

Marsariitiin kun jechoota ijootti fayyadamuun qabiyyee Feesbuukii irratti qoodame tokko barbaannee akka argannu nugargaara.

Marsariitichatti fayyadamuun jechi yookiin himni tokko guyyaa, ji’a yookiin bara barbaannu keessatti qoodamuusaa salphaatti baruu dandeenya.

Kana malees marsariitii ‘Who Posted What’ fayyadamuun qabiyyee daangaa yeroo (time range) waggaa, ji’a akkasumas guyyaa murtaa’e keessatti qoodames barbaannee argachuu dandeenya.

Dabalataan marsariitichi maxxansawwan Inistaagiraam fi X (Tiwiitara) barbaaduufis ni tajaajila.

Marsariitii ‘Who Posted What’ fayyadamuun maxxansa Feesbuukii ture tokko salphaatti argachuuf geessituu kana cuqaasuun barbaaduu dandeenya: https://whopostedwhat.com/

Itoophiyaa Cheek

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::