Suuraan kun miseensota Faannoo daandii konkolaataa qotaa jiran hin agarsiisu!

Ebla 16, 2017
Suuraan kun ‘miseensota Faannoo daandii konkolaataa qotaa jiran agarsiisa’ jechuun marsaa hawaasaarratti qoodamaa jira.
Fuulawwan Feesbuukii suuraa fi odeeffannoo kana qoodan keessaa tokko immoo fuula Feesbuukii maqaa ‘Bilisumma Berhanu Ararsa’ jedhu qabudha.
Fuulli Feesbuukii kun suuraa kana barreeffama “Wanta hawaasni hinqaroomne (primitive) Faannoon hojjechaa jiru agartanii?” jedhu walin kan qoode yemmuu ta’u, fayyadamtoonni Feesbuukii 20’tti siiqan deebisanii qoodaniiru.
Kana malees fayyadamtoonni Feesbuukii 50 ol yaada fi ilaalcha qaban jalatti barreessaniiru.
Haa ta’u malee qorannoo Itoophiyaa Cheek suuraa kanarratti taasiseen suurichi Itoophiyaa keessatti kan kaafame akka hintaane mirkaneeffateera.
Dabalataan miseensota Faannoo daandii konkolaataa qotaa jiran kan agarsiisu akka hintaane qorannoo moosaajii suuraa sakatta’uuf gargaaru ‘Google Reverse Image Search’ fayyadamuun taasisneen hubanneerra.
Suuraan kun waggoota afur dura ALA Fulbaana 2020 Afrikaa Kibbaa keessatti kan kaafame yemmuu ta’u, lammiilee biyyattii komii dhiyeessii bishaaniifii elektiriikiin walqabatee qabanirraa ka’uun daandii konkolaataa qotaa jiran agarsiisa.
Waqtii sanattis miidiyaaleen biyyattii waa’ee taatichaafii qaamoleen seeraa shakkamtoota to’annoo jala oolchuusaanii gabaasanii turan: https://www.timeslive.co.za/news/south-africa/2020-09-23-three-arrested-for-kzn-protest-that-saw-tarred-road-destroyed/#
Gama biraatiin suuraan kun kanaan duras Itoophiyaa dabalatee biyyoota biroo kunneen akka Keeniyaa fi Yugaandaa keessatti odeeffannoo sobaa tamsaasuuf dhimmi itti bahamaa tureera.
Suuraawwan maddi isaanii hinbeekamne fi iddoo biraatii fuudhamanii qoodaman odeeffannoo sobaa fi dogongoraaf nusaaxiluu waan danda’aniif amanuufii qooduu keenyaan dura sirrii ta’uusaanii yaa mirkaneeffannu.
Itoophiyaa Cheek
ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ
ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::