Maloota tamsa’ina odeeffannoo sobaa ittiin ittisnu shan!

Maloota tamsa’ina odeeffannoo sobaa ittiin ittisnu shan

Bitootessa 23, 2017

Tamsa’inni odeeffannoo sobaa dhimma guddina dimokiraasii biyyoota addunyaa hedduf qormaata ta’edha. Odeeffannoon sobaa hawaasa gidduutti, walqoodinsi, jibbiinsi fi walshakkiin akka baay’atu taasisa.

Kana malees miidhaa lubbuu namaarratti qaqqabuf fi mancaatii qabeenyaaf sababa yeroo ta’us mul’ata.

Garuu tamsa’ina odeeffannoo sobaa xiqqeessuuf maal gochuu dandeenya? Tarkaanfileen armaan gadii maloota miidhaafii facaatii odeeffannoo sobaa hir’isuuf nugargaaranidha:

1. Maalummaa odeeffanno sobaa baruu- tarkaanfilee miidhaa odeeffannoo sobaa hir’isuuf nugargaaran keessaa isa inni ijoofii jalqabaa maalummaa odeeffannoo sobaa baruudha. Kanaafis akka dhuunfaattis ta’e akka hawaasaatti maalummaa odeeffannoo sobaa, gosoota isaafii miidhaa qaqqabsiisuu danda’u hubachuun barbaachisaadha. Dabalataan dandeettii itti fayyadama miidiyaa (media literacy) hawaasaa gabbisuunis faayidaa qabeessa.

2. Maddoota odeeffannoo garagaraa mil’achuu- odeeffannoo marsaa hawaasaarratti agarre tokko fuulletti amanuun dura maddoota odeeffannoo garagaraa mil’achuun ni gorfama. Keessattuu odeeffannichi maddoota odeeffannoo amanamoo ta’anin qoodamuusaa ilaaluun odeeffannoo sobaaf akka hinsaaxilamne nugargaara.

3. Odeeffannoo seecca’uu/qulqulleessuu- kun immoo maloota garagaraatti fayyadamuun odeeffannichi sirrii ta’uufii dhabuusaa adda baafachuu agarsiisa. Sirrummaa odeeffannoo tokkoo qulqulleeffachuuf qaama dhimmichi ilaallatu gaafachuu yookiin marsaalee hawaasaa nama ykn dhaabbilee dhimmichi ilaallatu mil’achuun eegaluu dandeenya. Kana malees moosaajiiwwan odeeffannoo qulqulleeffachuuf fayyadan gargaaramuun sirrummaa odeeffannoo qoodamee mirkaneeffachuu dandeenya.

4. Itti gaafatamummaa fudhachuu- Ofii keenyas ta’e namoonni biroon odeeffannoo sobaa qooduurraa akka ofqusatan jajjabeessuun dirqama hunda keenyaati. Odeeffannoo qoodnuuf itti gaafatamummaa fudhachuun hawaasa gidduutti wal-amantaa fi wal-hubannaan akka dagaagan taasisa.

5. Odeeffannoo sobaa saaxiluu- tarkaanfiin miidhaafii facaatii odeeffannoo sobaa hir’isuuf fudhachuu dandeenyu inni biraan odeeffannoo sobaa yemmuu agarutti saaxiluudha. Kunis namoonni biroon odeeffannichaaf akka hinsaaxilamne taasisa. Kana malees odeeffannoo sobaa agarre miidiyaa hawaasaa odeeffannichi irratti qoofameef gabaasuun (‘report’ gochuun) tarkaanfiin akka irratti fudhatamu taasisuun gahee keenya bahachuu dandeenya.

Itoophiyaa Cheek

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::