Viidiyoon ‘hidhattoonni Faannoo bidiruu Xaanaanash 2 irratti dhukaasa banan’ jechuun qoodamaa jiru soba

Adoolessa 28, 2017
Fayyadamtoonni Feesbuukii tokko tokko viidiyoo ‘wayita hidhattoonni Faannoo bidiruu Xaanaanash 2 irratti dhukaasa banan agarsiisa’ jedhan qoodaa jiru.
Fuulawwan fi akkaawuntiiwwan Feesbuukii odeeffannoo kana qoodan, viidiyichi naannoo Amaaraa keessatti akka waraabamefii miseensota Raayyaa Ittisaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti wayita dhukaasni adeemu akka agarsiisuus eeraniiru.
Viidiyoon kun sekondiiwwan 30 kan dheeratu yemmuu ta’u, sagalee dhukaasaas ofkeessaa qaba.
Fuulawwan Feesbuukii viidiyoo kana qoodan keessaa tokko fuula Feesbuukii maqaa ‘Shukuredin Jemal’ jedhamu qabu fi hordoftoota kuma 280 ol qabu yemmuu ta’e, ‘oduu ammee’ jechuun viidiyicha qoode.
Viidiyoon fuula kanarratti qoodame al kuma 50 ol kan daawwatame yemmuu ta’u, fayyadamtoonn Feesbuukii 150 ol ta’anis deebisanii qoodaniiru.
Haa ta’u malee qorannoo Itoophiyaa Cheek viidiyoo kanarratti taasiseen viidiyoon kun erga waraabamee kan bubbule ta’uusaa mirkaneeffateera.
Kana malees viidiyichi wayita hidhattoonni Faannoo bidiruu Xaanaanash 2 irratti dhukaasa banan hin agarsiisu. Sagaleen dhukaasaa viidiyicha keessaa dhagahamus iddoo biraatii fuudhamee viidiyichatti kan dabalamedha.
Gama biraatiin viidiyoowwan wayita bidiruun Xaanaanash 2 naannoo gamoojjii Abbaayyaa geessu agarsiisan torbeewwa sadi dura ture miidiyaalee hawaasaarratti qoodamuu kan eegalan.
Waqtii sanattis fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa sababa bidiruu kanaan daandiin konkolaataa yeroof cufamuusaa eeruun viidiyicha qoodaa turaniiru: https://www.facebook.com/share/r/1GfWgSZw43/
Gama biraatiin bidiruun Xaanaanash 2 ji’ootaaf imala daandiirra erga turtee booda guyyoota sadi dura wayita Magaalaa Baahir Daar geessu simannaan hoo’aan akka taasifameef ni yaadatama.
Odeeffannoowwan shakkisiisoo miidiyaalee hawaasaarratti agarru amannee ofitti fudhachuu fi deebisnee qooduu keenyaan dura of eeggannoo yaa taasifnu.
Itoophiyaa Cheek
ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ
ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::