Viidiyoon ‘xayyaara daangaa qilleensa Itoophiyaa keessatti rukkutamee kufe agarsiisa’ jechuun qoodame kun dogongora

Fulbaana 22, 2017

Fuulli Feesbuukii maqaa ‘Digital Qeerroo’ jedhu fi hordoftoota kuma 76 ol qabu viidiyoo xayyaarri “diinaa” daangaa Itoophiyaa seene rukkutamee wayita kufu agarsiisa jedhe qoodee jira.

Viidiyoon fuulichaan qoodame kun suuraa meeshaalee waraanaa gurguddaa fi alaabaa biyya Masrii ofkeessaa kan qabudha: https://www.facebook.com/share/v/TMXzDc8AnWnABDxq/?mibextid=WC7FNe

Viidiyoon sekondiiwwan 17 dheeratu kun guyyoota lama dura kan qoodame yemmuu ta’u; al kuma 90 ol daawwatameera, fayyadamtoonni Feesbuukii 80 ol ta’anis deebisanii qoodaniiru.

Haa ta’u malee Itoophiyaa Cheek viidiyoo kanarraa waraabbii iskiriinii fudhachuun moosaajiiwwan suuraa deebisanii barbaaduu dandeesisan fayyadamuun qorannoo taasiseera.

Haaluma kanaan bu’aan ‘Google reverse image search’ irratti arganne viidiyoon kun tibbana Itoophiyaa keessatti kan waraabame akka hintaane hima.

Kana malees viidiyichi xayyaara biyya biroo daangaa Itoophiyaa keessatti qilleensarra osoo jiruu rukkutamee caccabes hin agarsiisu.

Viidiyoon bifa dogongorsiisaa ta’een qoodame kun fuula Feesbuukii viidiyoowwan taphaa (video game) maxxansufii ‘MissKitty Gametube’ jedhamurratti guyyoota saddeet dura qoodameera: https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=pfbid0HzjFbGdJtD1dKx2mr38TjfpJ44GQygXt3gwRZnbrLxL4h87AZAVamH6krSPXQ6mel&id=100063726759174&mibextid=WC7FNe

Kana malees suuraawwan meeshaa waraanaa viidiyicharraa mul’atan Itoophiyaa keessatti kan kaafaman akka hintaanes mirkaneeffanneerra.

Haaluma kanaan marsariitiiwwan garagaraa suuraawwan kunneen yeroo adda addaatti maxxansaa turuusaanis hubanneerra.

Suuraan meeshaa waraanaa misaa’ela dhuka’aa jiru agarsiisu marsariitii ‘Kyiv Post’ jedhamurratti ALA bara 2020 kan maxxanfame yemmuu ta’u, maddi suurichaas Ministeera Ittisaa Yukireen akka ta’e eerameera: https://www.kyivpost.com/ukraine-politics/ukraine-sentences-fsb-agent-to-8-years-in-prison-for-treason.html

Suuraan meeshaa waraanaa agarsiisaaf dhiyaate mul’isufii alaabaan Itoophiyaa irratti dhoobame immoo ALA bara 2006 biyya Kuubaa keessatti kan kaafame yemmuu ta’u, marsariitii suuraalee kuusuun gurguruun beekamu ‘Alamy’ irratti maxxanfamee argama: https://tinyurl.com/22ryvxwe

Haaluma kanaan viidiyoon fuula Feesbuukii ‘Digital Qeerroo’ jedhamuun qoodame kun sirrii kan hintaanefii dogongorsiisaa akka ta’e mirkaneeffanneerra.

Suuraawwanfii viidiyoowwan iddoo biraatii fuudhamanii akka waan biyya keessatti kaafamanitti qoodaman odeeffannoo sobaafii dogongoraaf nusaaxiluu waan danda’aniif amanuufii deebisnee qooduu keenyaan dura ofeeggannoo yaa taasifnu.