Sababoonni odeeffannoowwan sobaaf akka saaxilamnu nutaasisan maalfaadha?
Fulbaana 6, 2017
Lakkoofsi fayyadamtoota miidiyaalee hawaasaa biliyoona shanii ol akka ta’e yeroo tilmaamamu kanatti odeeffannoon hammisaa guddaa ta’e guyya guyyaan qoodama.
Haa ta’u malee odeeffannoowwan guyya guyyaan marsaalee hawaasaarratti qoodaman hundi sirrii yookiin dhugaadha jechuun hin danda’amu. Odeeffannoowwan sobaafii dogongoraa beekaas ta’e osoo hinbeekiin marsaalee hawaasaarratti maxxanfaman heddudha.
Dabalataan tamsa’inni odeeffannoo sobaa yeroo gara yerootti dabalaa jiraachuus ogeeyyiin dhimmicha qoratan himu.
Kanaafis fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa odeeffannoowwan argan haalaan hin xiinxalle odeeffannoo sobaaf saaxilamuu danda’u.
Haa ta’u malee sababoonni odeeffannoo sobaaf akka saaxilamnu yookiin amannee akka ofitti fudhannu nutaasisan maalfaadha?
Gaafii kanaaf ogeeyyiin deebiiwwan garagaraa kan laatan yemmuu ta’u, dhimmi ogeeyyiin baay’een adda durummaan kaasan loogii namoonni ilaalcha yookiin amantaa duraan qaban irratti hundaa’un taasisan (confirmation bias) dha.
Kana jechuunis odeeffannoo ilaalcha duraan qabnu deeggaru yemmuu agarrutti odeeffannichi dogongora ta’us carraan odeeffannichi “sirriidha” jennee amanuu keenyaa guddaa akka ta’e ogeeyyiin himu.
Kana malees odeeffannoo ilaalcha keenyaan faallaa ta’e yemmuu agarruttimmoo odeeffannichi sirrii ta’ullee sababa ilaalcha/amantaa duraan qabnuun odeeffannicha amanuu dhiisuu dandeenya.
Sababa kanaafis odeeffannichi sirriidhamoo dogongora jennee qorachuu yookiin xiinxaluurra callisnee ofitti fudhachuun odeeffannoo sobaafii dogongoraaf akka saaxilamnu nutaasisa.
Sababni odeeffannoo sobaaf akka saaxilamnu nutaasisu inni biraan immoo odeeffannoo dogongoraa tokkoof irra deddeebiin saaxilamuudha (illusory truth effect). Kana jechuunis odeeffannoon tokko soba ta’ullee irra deddeebiin kan ilaallu, dubbisnu yookiin dhageenyu yoo ta’e carraan odeeffannicha amanuu keenya ni guddata.
Dhiibbaan hawaasaas sababoota odeeffannoo sobaafii dogongoraaf akka saaxilamnu nutaasisan keessaa isa tokko.
Odeeffannoon tokko sirriidha yookiin soba jennee murteessuu keessatti ejjennoon dhuunfaa keenyaa gahee olaanaa qabaatus gaheen dhiibbaan hawaasaa ejjennoo keenya gama jijjiiruutiin qabu salphaa miti.
Namoonni dhiyeenya keenyatti argaman kallattiinis ta’e al kallattiin ilaalacha odeeffannoo tokko ilaalchisee qabnu jijjiiruu keessatti gahee guddaa qabu. Kanaafis al tokko tokko dhiibban namoonni naannoo keenya jiran nurratti taasisan odeeffannoo sobaa tokko ‘sirriidha’ jennee akka ofitti fudhannuf sababa ta’uu danda’a.
Kanaafis odeeffannoo tokko nammoonni dhiyeenya keenyatti argaman ‘sirriidha’ waan jedhaniif qofa ofitti fudhachuurra sirrummaasaa sakatta’uun ofitti fudhachuun gorfama.
Gama biraatiin ogeeyyiin dhimma tamsa’ina odeeffannoowwan sobaa qoratan qabiyyeewwan miiraan guutaman odeeffannoowwan sobaaf akka saaxilamnu sababa ta’uu akka danda’anis himu.
Dhalli namaa uumamaan odeeffannoowwan miira nama keessatti uumaniif xiyyeeffannoo kenna. Kanaafis odeeffannoowwan ajaa’ibsiisoofii miira raajeffannaa uuman yemmuu agarutti dhugummaa isaanii osoo hinmirkaneessin ofitti fudhachuu bira darbee namoota biraafis qoodna. Kunis ofii keenya bira darbee hordoftoota miidiyaalee hawaasaa keenyallee odeeffannoo sobaaf akka saaxilaman kan taasisudha.
Odeeffannoo sobaaf akka hinsaaxilamneef maal gochuu qabna?
Sababoota olitti eeramaniin odeeffannoowwan sobaaf akka hinsaaxilamneef tarkaanfilee garagaraa fudhachuu akka dandeenyu ogeeyyiin gorsu.
Kunneen keessaa tokko immoo odeeffannoowwan miira keenya hawwatan yeroo agarrutti yeroo fudhannee sirrummaa isaanii sakatta’uu qabna kan jedhudha.
Kanaafis odeeffannoo shakkisiisaa tokko yemmuu agarutti malootafii moosaajiiwwan odeeffannoo sobaa sakatta’uuf nugargaaran fayyadamuun qorannoo dhuunfaa keenyaa taasisuun gorfama.
Kana malees odeeffannoo shakkisiisaa ta’e yemmuu agarutti namni yookiin qaamni odeeffannicha qoode hagam amanamaadha kan jedhus yaa ilaallu.
Dabalataan wanti maddoonni odeeffannoo amanamoon dhimmicha ilaalchisee maxxansan yookiin qoodan yoo jiraate mil’achuunis ni gorfama.
ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ
ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::