Odeeffannoon uwwisni bosonaa Itoophiyaa yeroo ammaa dhibbeentaa 3 gaditti tilmaamama jedhu dogongora
Adoolessa 22, 2016
Guyyoota darbanitti balaa sigiga lafaa naannoo Kibba Itoophiyaa Godina Goofaa aanaa Gazzee Goofaatti qaqqabeen walqabatee odeeffannoowwan garagaraa qoodamaa turaniiru.
Kunneen keessaa tokkommoo balaan kun sababa jijjiirama haala qilleensaan uumamuusaa kan himudha.
Kanumaan walqabatee akkaawuntiin X (Tiwiitaraa) hordoftoota kuma 43 ol qabufii maqaa ‘Bernie’ jedhu qabu uwwisni bosonaa Itoophiyaa hamma lafaa biyyattiin qabdu keessaa “dhibbeentaa 3 gadi akka ta’e tilmaamama” jechuun odeeffannoo qoodera: https://x.com/artemisfornow/status/1816424359742820405?s=46&t=dmcdufxK8i9nmLEWi2-yGQ
Odeeffannoo akkaawunii kanarratti qoodames fayyadamtoonni ‘X’ kuma 20 ol kan ilaalan yemmuu ta’u, fayyadamtoonni 280 ol immoo odeeffannicha deebisanii qoodaniiru.
Haa ta’u malee uwwisni bosonaa Itoophiyaa dhibbeentaa 3 gadi akka ta’e waggoota hedduf himamaa turullee haalli qabatamaan amma jiru kana akka hintaane ragaaleen Itoophiyaa Cheek dhaabbilee biyya keessaafii idil-addunyaarraa argate mul’isu.
Ragaalee kunneen keessaa tokko immoo ragaa Misooma Bosonaa Itoophiyaa yemmuu ta’u, dhaabbatichi uwwisni bosonaa biyyattii yeroo ammaatti 23.6% akka ta’e hima.
Odeeffannoo kanas Ministeerri Qonnaa Itoophiyaa, Daayrektara Misooma Bosonaa Itoophiyaa Obbo Kabbadaa Yimaam eeruun ALA Waxabajjii 23, 2024 fuula Feesbuukiisaa mirkanaa’erratti qoodee jira: https://www.facebook.com/share/p/GdfPMBoSKiPik2M2/?mibextid=WC7FNe
Dabalataan gabaasni ministeerichaa uwwisni bosonaa biyyattii ALI bara 2011’tti dhibbeentaa 17.2 akka tures eera.
Gama biraatiin uwwisa bosonaa Itoophiyaa ilaalchisee dhaabbileen idil-addunyaa garagaraas gabaasawwan kan qoodan yemmuu ta’u, ragaan Baankii Addunyaa akka agarsiisutti uwwisni bosonaa Itoophiyaa kan ALI bara 2021, dhibbeentaa 15.1 ture.
Ragaan kunis marsariitii Baankii Adunyaarratti argama: https://data.worldbank.org/indicator/AG.LND.FRST.ZS?end=2021&locations=ET&skipRedirection=true&start=1990&view=chart
Kanaafis odeeffannoon akkaawuntiin ‘X’ (Tiwiitaraa) maqaa ‘Bernie’ jedhu qabu ‘uwwisni bosonaa biyyattii ammatti dhibbeentaa 3 gadi akka ta’e tilmaamama’ jechuun qoode dogongora akka ta’e hubachuun danda’ama.