Miidhaawwan haasaa jibbiinsaa fi tarkaanfilee fudhachuu dandeenyu
Fulbaana 27, 2017
Haasaan jibbiinsaa taatee haaraa ta’uu baatus babal’achuu teekinoloojiiwwan qunnamtii ammayyaan deeggaramuun babal’achaa jira.
Haasaan jibbiinsaa namoota dhuunfaa akkasumas gareelee gidduutti jibbiinsifii loogiin akka uumamu taasisa.
Kana malees mirgoonni namoomaa akka hin kabajamneef, waliin jireenyi hawaasummaa akka diigamuuf akkasumas hookkarri akka uumamuuf sababa ta’a.
Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii /UN/, haasaan jibbiiinsaa haasaa mala quunnamtii kamiyyuu (dubbii, barreeffama yookiin gochaa) fayyadamuun eenyummaa nama dhuunfaa yookiin garee bu’uura godhachuun kan haleelu yookiin gadi kan qabu yookiin loogii kan taasisu akka ta’e hima.
Eenyummaa kan jedhus dhimmoota akka amantaa, sabummaa, lammummaa, sanyii, halluu, qomoo, koorniyaa fi kkf kan hammatu ta’uu hima.
Biyyoonni addunyaas keessattuu haasaawwan jibbiinsaa hookkara kakaasan, diinummaafii loogii labsan akkasumas gochaa sanyii balleessuu kakaasan akka dhorkaniif dhaabbatichi gorsa.
Itoophiyaanis haasaa jibbiinsaafii odeeffannoo sobaa ittisuufii to’achuuf labsii erga baaftee kan bubbulte yemmuu ta’u, labsichi gosoota adabbii garagaraas kaa’ee jira.
Akka labsii kanaatti namni kamiyyuu haasaa jibbiinsaa yookiin odeeffannoo sobaa gama birodkaastii, maxxansa, miidiyaalee hawaasummaafi maloota walfakkaatoo birootiin barreeffamaan, suuraan, sagaleen yookin viidiyoodhaan tamsaasuun dhorkaadha.
Yakki haasaa jibbiinsaa yookin odeeffannoo sobaa tamsaasuu fuula miidiyaa hawaasaa hordoftoota 5,000 ol qabuun yookiin tajaajila birodkaastiin yookiin maxxansa yeroo yeroon bahuun raawwatame yoo ta’es hidhaa hanga waggaa sadii fi adabbii maallaqaa birrii 100,000 hin caalle akka adabsiisu labsicha keessatti eerameera.
Kana malees labsichi gosa badii raawwatamefi miidhaa qaqqabe irratti hundaa’uun adabiiwwan garaagaraas kaa’ee jira.
Tarkaanfilee fudhachuu dandeenyu
Haasaa jibbiinsaa ilaalchisee tarkaanfiiwwan garagaraa fudhachuu akka dandeenyu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii hima.
Tarkaanfilee kunneen keessaa inni ijoofii dursaa immoo haasaa jibbiinsaa gochuurraa of qusachuudha.
Namoonni gama intarneetiinis ta’e qaamaan haasaawwan jibbiinsa uuman gochuurraa of qusachuu akka qaban dhaama.
Kana malees haasaawwan jibbiinsaafii odeeffannoowwan sobaa miidiyaalee hawaasaarratti yemmuu agarrutti callisuu osoo hintaanee fuldura dhaabbachuu akka qabnus hima.
Qabiyyeewwan haasaa jibbiinsaa ofkeessaa qaban ‘report’ gochuun tarkaanfiin akka irratti fudhatamu taasisuufii hawaasaaf hubannoo uumuunis dhimmoota hojjetamuu qaban akka ta’anis eera.
Dabalataan nama dhuunfaa yookiin garee haasaan jibbiinsaa irratti raawwatame cinaa dhaabbachuu akka qabnus UN gorsa.
ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ
ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::