Maalummaafii maloota ittisaa duulawwan odeeffannoo sobaa bifa qindaa’een adeemsifaman

Onkololeessa 18, 2017
Babal’achuu itti fayyadama miidiyaa hawaasaan walqabatee duulli odeeffannoo sobaa bifa qindaa’een taasifamu (coordinated disinformation campaigns) galmoota siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa milkeessuuf dhimma itti bahamaa jira.
Mootummoonni, gareeleen mootummaa falman, dhaabbileen akkasumas burjaajessitoonni kaayyoowwansaanii galmaan gahachuuf duulawwan odeeffannoo sobaa gaggeessu.
Gama biraatiin duulawwan kunneen mootummoota, dhaabbilee akkasumas namoota dhuunfaarratti kan xiyyeeffatan ta’uu danda’u.
Keessattuu waqtii walitti bu’iinsaafii hookkaraatti duulawwan odeeffannoo sobaa bifa qindaa’een taasifaman kunneen olaantummaa dirree odeeffannoo goonfachuuf bal’inaan faayidaarra olu.
Kana malees qaamoleen duulicharratti bobba’an qabiyyeewwan miira sodaa fi aarii uuman tamsaasuun odeeffannichi caalmaatti akka qoodamufii babal’atu taasisu.
Haa ta’u malee tamsa’inni odeeffannoo sobaa bifa qindaa’een taasifamu kun hariiroo fayyaalessa kutaalee hawaasaa gidduu jiru miidhuu isaatiin dabalataan miidhaa xiinsammuu fi hawaas-diinagdee kan qabsiisuudha.
Imala dimokiraasii quucarsuun akkasumas gaaga’ama fayyaa geesisuunis miidhaawwan duulawwan kunneeniin qaqqaban ta’uu danda’u.
Duulawwan odeeffannoo sobaa akkamiin adda baafanna?
Maloonni duulawwan odeeffannoo sobaa adda baafachuuf nugargaaran kan jiran yemmuu ta’u, isaan keessaa inni tokko sa’aatii yookiin yeroo odeeffannoon tokko akkaawuntiiwwan hedduun itti tamsa’u sakatta’uudha.
Akkaawuntiiwwan heddu yeroo walfakkaataatti odeeffannoo walfakkaataa qoodu taanaan akkaawuntiiwwan kunneen duuba qindoominni jiraachuusaa akka shakkinu kan nutaasisudha.
Sababnisaas haalli adda ta’e yoo umameen ala odeeffannoon tokko miidiyaa hawaasaarratti adeemsa keessa babal’achaa adeema malee carraan yeroo tokkootti namoota hedduun qoodamuuf qabu xiqqaadha.
Malli duuula odeeffannoo sobaa qindaa’aa adda itti baafannu inni biraan immoo qabiyyee odeeffannichaa ilaaluuni. Kunis odeeffannoowwan sobaa bifa duulaatiin qoodaman akkaataa barreeffamaa, suuraa, viidiyoo akkasumas geessituu walfakkaataa qabu.
Dabalataan akkaawuntiiwwan odeeffannicha qoodan sakatta’uunis duula odeeffannoo sobaa bifa qindaa’een taasifamu adda baafachuu dandeenya. Kunis akkaawuntiiwwan bifa qindaa’een odeeffannoowwan sobaa tamsaasan yeroo baay’ee odeeffannoo dhaaba siyaasaa yookiin garee tokko deeggaru irra deddeebiin qoodu.
Yaadawwan furmaataa
Miidhaa odeeffannoowwan sobaa bifa qindaa’een tamsa’an qaqqabsiisan hir’isuuf tumsi qaamolee garagaraa barbaachisaadha.
Hojiilee xiyyeeffannoon irratti hojjetamuu qabu keessaa tokko immoo hubannoo itti fayyadama miidiyaa lammiilee guddisuudha.
Kunis maalummaa odeeffannoo sobaa, miidhaa inni qaqqabsiisu, maloota odeeffannoo sirrii calallee fudhachuuf nugargaaran fi akkaataa odeeffannoo bifa itti gaafatamummaa qabuun qooduu dandeenyu barsiisuu ofkeessatti qabata.
Gama biraatiin duula odeeffannoo sobaa qindaa’e ittisuuf tekinooloojiinis gahee guddaa qaba. Haaluma kanaan tekinooloojii hubannoo namtolcheetti fayyadamuun tamsa’ina odeeffannoowwan sobaa hawaasarratti miidhaa qaqqabsiisan ittisuun barbaachisaadha.
Kan malees mootummaan, dhaabbileen tekinooloojii fi waldaaleen siiviiliis qindoominaan hojjechuu qabu.
Itoophiyaa Cheek
ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ
ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::