Qabxiilee ijoo gochaalee goyyomsuu gama miidiyaa hawaasaan raawwatamaniif akka hinsaaxilamne nugargaaran
Hagayya 20, 2016
Gochaalee hammaatoo miidiyaalee hawaasaarratti mul’atan keessaa tokko gochaa goyyomsuu miidiyaa hawaasaa fayyadamuun raawwatamudha. Namoonni baay’eenis goyyomfamanii maallaqni isaanii jalaa fudhatameera.
Itoophiyaa Cheekis waggoota darban keessa gochaalee kunneen saaxilaa akkasumas qabiyyeewwan hubannoo uuman dhiyeessaa tureera.
Ta’ullee gochichi ammallee baay’inaan raawwatamaa jiraachuusaa hordoffii miidiyaa taasifnuun fi eeruuwwan nuuf ergamanirraa hubachuu dandeenyeerra.
Gochaa goyyomsuu gama miidiyaa hawaasaatiin raawwatamuuf akka hinsaaxilamneef tarkaanfiin ijoofii inni jalqabaa immoo of barsiisuufii hubannoo ofii gabbisuu akka ta’e ogeeyyiin gorsu.
Dabalataan gochaa kanaaf akka hinsaaxilamneef qabxiilee ofeeggannoo kunneen yaa qalbeeffannu:
– Affeerraawwan hinbaratamne: Yeroo baay’ee namoonni miidiyaa hawaasaatti fayyadamuun gochaa goyyomsuu raawwatan nama isaan adamsuu barbaadanitti dhiyaachuun affeerraawwan garagaraa taasisuun hariiroo uumuuf yaalu. Affeerraawwan kunneenis ‘waliin yaa hojjennu, yaa guddannu, yaa fayyadamnu’ kan jedhan ta’uu danda’u. Affeerraan kunis gama Whatsapp, Telegiraama fi moosaajiiwwan ergaa saffisaa daddabarsan birootiin dhufuu danda’a. Kana malees namoonni baay’een akka ilaalaniif miidiyaa hawaasaarratti maxxanfamuus danda’a. Affeerraawwan kun namoota nuti hinbeekne akkasumas maqaa dhaabbilee garagaraa dhahuun kan dhiyaatan ta’uu danda’u. Kanaafis affeerraawwan hinbaramne akkanaa yemmuu nuuf dhiyaatanitti tasgabboofnee ilaaluufii qorachuun nu barbaachisa.
– Odeeffannoo dhuunfaa gaafachuu: Namoonni gochaa goyyomsuu raawwatan affeerraa olitti eerame taasisuun dabalataan odeeffannoowwan dhuunfaa keenya nugaafachuus danda’u. Odeeffannoowwan dhuunfaa kunneenis maqaa, lakkoofsa bilbilaa, imeelii, lakkoofsa herreega baankii akkasumas lakkoofsa icciitii (paaswoordii) keenya ta’uu danda’a. Gaafileen akkanaa yeroo baay’ee namoota gochaa goyyomsuu raawwatanirraa dhufu waan ta’eef odeeffannoo kunneen laachuu keenyaan dura qorannoo barbaachisaa yaa goonu.
– Kaffaltii gaafachuu: Yeroo baay’ee goyyomsitoonni affeerraa waliin yaa hojjennuu erga dhiyeessanii booda gara kaffaltii gaafachuutti ce’u. Kaffaltiiwwan kunneenis sababawwan akka “galmeef, miseensummaaf, bittaaf, kiraaf, tajaajilaafii kkf” jedhaniin dhiyaatu. Gaafileen kaffaltii akkanaa yoo nuuf dhiyaatanis ofeeggannoo taasisuu qabna.
– Maallaqa guddaafii hawwataa: Maloota goyyomsitoonni qalbii namootaa hawwachuuf itti fayyadaman keessaa inni biraanimmoo badhaasawwan gurguddaa, kennaawwan, bu’aawwan, carraa hojii akkasumas imala gara biyyoota biroo akka mijeessan waadaa galuuni. Maallaqni isaan waadaa galanis kuma dhibbaan yookiin miliyoonaan kan lakkaawamu ta’uu danda’a. Kanaafis waadaawwan akka malee hawwatoo ta’an akkanaa yemmuu nuuf dhiyaatanitti ofeeggannoo taasisuu qabna.
– Qunnamtii adda hincinne: namoonni miidiyaalee hawaasaatti fayyadamuun gochaalee goyyomsuu raawwatan qalbii miidhamtootaa mo’achuuf jecha dadhabbii fi nuffii malee irra deddeebiin ergaawwan ergu. Kanaafis osoo fuula dhoowwannuu ergaan irra deddeebii kan nutti ergamu yoo ta’e dhimmichi gochaa goyyomsuu ta’uu waan danda’uuf ofeeggannoo yaa taasifnu.
– Geessituuwwan shakkisiisoo: Goyyomsitoonni yeroo baay’ee miidhamtoonni geessituuwwan akka cuqaasan affeeru. Geessituuwwan kunneen immoo gara marsariitiiwwan hinbaramnetti nugeessuu danda’u. Kanaafis geessituuwwan shakkisiisoo nutti ergaman yookiin miidiyaa hawaasaarratti agarre cuqaasuu keenyaan dura qalbeeffannee yaa ilaallu.
– Eenyummaa ifatti hinbeekamne: harki caalmaan goyyomsitootaa waa’ee eenyummaa isaanii odeeffannoo ifa ta’e hin kennan. Maqaa, teessoo, marsariitii, heeyyama hojii fi dhimmoota biroo ifatti hin kaayan. Kanaafis wayita qaamoleen eenyummaan isaanii ifatti hinbeekamne affeerraa nuuf dhiyeessan tasgabboofnee yaa xiinxallu.
– Fakkeessuu: Qaamoleen miidiyaa hawaasaatti fayyadamuun gochaalee goyyomsuu raawwatan asxaa, chaappaafii teessoo dhaabbilee beekamoo baay’inaan fayyadamu. Maqaafii asxaa dhaabbilee kunneenii fayyadamuun akkaawuntiiwwan miidiyaalee hawaasaa banuufii xalayaa sobaa fakkeessanii qopheessuunis beekamu. Fuulawwan yookiin akkaawuntiiwwan miidiyaalee hawaasaa sobaa akkasumas xalayaawwan fakkeeffamanii qophaa’aniin akka hin goyyomfamnes ofeeggannoo gochuun barbaachisaadha.
Gochaalee goyyomsuu miidiyaa hawaasaatti fayyadamuun raawwatamaniif akka hinsaaxilamne ofeeggannoo yaa taasifnu, hawaasa keenyas yaa hubachiisnu.
ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ
ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::