Qajeeltoowwan amanamummaa odeeffannoo Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii /UN/ ifoomse maalfaadha?
Hagayya 17, 2016
Odeeffannoon sobaa fi haasaan jibbiinsaa biyyoota garagaraa keessatti walitti bu’iinsi akka uumamu, sirni dimokiraasii akka quucaru akkasumas mirgoonni namoomaa akka sarbaman taasisuu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii /UN/ hima.
Barreessaa Olaanaan Gamtichaa Antooniyoo Guteerez, ji’oota lama dura wayita qajeeltoowwan amanamummaa odeeffannoo idiladdunyaa / Global Principles for Information Integrity/ ifoomsanitti “addunyaan miidhaa tamsa’ina haasaa jibbiinsaa fi sobaan dhufu qolachuufii mirgoota namoomaa ol qabu qaba” jedhanii ture.
Kana malees mootummoonni, dhaabbileen teekinooloojii akkasumas qaamoleen hojii beeksisaa hojjetan facaatii odeeffannoo sobaa gama ittisuutiin itti gaafatamummaa fudhachuu akka qabanis dhaamanii turan.
Qajeeltoowwan amanamummaa odeeffannoo UN maalfaadha?
Qajeeltoowwan amanamummaa odeeffannoo idiladdunyaa UN yaa’insi odeeffannoo dhaabbilee teekinooloojii dabalatee gareelee muraasaan akka hin dhuunfatamne gochuu kan kaayyefatedha.
Kunis namoonni filannoo madda odeeffannoo garagaraa akka qabaatan, mirga yaada ofii bilisaan ibsachuusaanii akka shaakalan akkasumas icciittiin odeeffannoo isaanii akka eegamu ni taasisa amantaa jedhu ofkeessaa qaba.
Qajeeltoowwan amanamummaa odeeffannoo idiladdunyaa UN ji’oota lama dura ifoomse shan yemmuu ta’an, isaanis:
1. Amantaa fi dandamannaa hawaasaa: qajeeltoon kun amantaa hawaasni madda odeeffannoo tokkoof qabu akkasumas dhugummaa yookiin sirrummaa odeeffannoo tokkoorraa qabu agarsiisa. Kana malees dandamannaa hawaasni wayita odeeffannoo sobaa yookiin dogongoraaf saaxilamu agarsiisu ofkeessatti qabata.
2. Kaffaltii fayyaqabeessa ta’e: Dhaabbileen teekinooloojii yookiin miidiyaaleen hawaasaa namoota qabiyyeewwan garagaraa hojjechuun qoodaniif maallaqa kanfaluun jajjabeessu. Haa ta’u malee qaamoleen odeeffannoo sobaa fi haasaa jibbiinsaa tamsaasanis carraa kanatti fayyadamuun galii argachuun baramaa ta’eera. Kanaafis dhaabbileen tekinoloojii qaamolee kunneen adda baasuun kunneen qabiyyee fayyaalessaa qoodan qofaaf kaffaluu akka qaban qajeeltoon kun akeeka. Dabalataan qabiyyeewwan odeeffannoo sobaa ofkeessaa qaban baay’inaan akka hinmul’anne gochuu qabu kan jedhus qajeeltoo kana keessatti kaayameera.
3. Uummata gahoomsuu: Qajeeltoon kun immoo barbaachisummaa imaammata dhaabbilee teekinooloojii fooyyessuu fi hubannoo itti fayyadama miidiyaa hawaasaa guddisuu hima. Qajeeltoon kun dhaabbileen teekinooloojii imaammata isaanii yoo fooyyeessan fi hubannoon itti fayyadama miidiyaa uummataa yoo guddate fayyadamtoonni toora intarneetii haalaan fayyadamuu akka danda’an hima. Kana malees fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa odeeffannoo dhuunfaa isaanii eeggachuus ni danda’u jedha.
4. Miidiyaa walabaa fi bilisaa: biyya tokko keessatti miidiyaaleen walabaafii bilisaa yoo jiraatan amanamummaan odeeffannoos ni jiraata. Kanaafis ogummaa gaazexeessummaa fedhii uummataa irratti xiyyeeffate gama deeggaruutiin hojiin bal’aan hojjetamuu akka qabu Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii hima.
5. Iftoomina fi Qorannoo: Hanguma iftoominni dhaabbileen teekinooloojii dabalu akkaataan odeeffannoon itti tamsa’ufii faayidaarra itti oolu baruun salphaa ta’a. Haa ta’u malee haala qabatamaa amma jiruun dhaabbileen teekinooloojii odeeffannoo hangisaa guddaa ta’e dhuunfachuun qabatanii jiru. Kunis qorannoowwan fedhii uummataa bu’uura godhatan kan danqu akka ta’e UN hima. Kanaafis haala qabatamaa dirree odeeffannoo haalaan baruuf dhaabbileen teekinooloojii odeeffannoo dhuunfatanii qabatan qorattootaaf qooduu akka qaban UN gorsa.
ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ
ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::