Suuraan kun konkolaataa waraanaa Itoophiyaa tibba kana hidhattoota WBO’n gubate hin agarsiisu
Fulbaana 14, 2017
Suuraan konkolaataan waraanaa wayita gubatu agarsiisu kun tibbana marsaalee hawaasaa Feesbuukii fi X (Tiwiitara) irratti bal’inaan qoodamaa jira.
Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa suuricha qoodanis konkolaataan waraanaa kun kan Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa akka ta’efii hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoon (WBO’n) naannoo Oromiyaa godina Shawaa Kaabaa keessatti kan barbadaa’e ta’uu eeraniiru.
Iddoo konkolaataan waraanaa kun itti gubate ilaalchisees maqaan iddoowwan lamaa kan eerame yemmuu ta’u, isaanis magaalaa aanaa Dagam kan taate Hambisoo fi iddoo Cirrachoo jedhamudha.
Gama biraatiin Godina Shawaa Kaabaa aanaalee garagaraa keessatti tibba kana humnootii mootummaafii hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti lolli adeemsifamaa jiraachuu odeeffannoon arganne hima.
Tajaajilli bilbila mobaayilaafi intarneetii daataa aanotaafii magaalota godinichaa keessatti erga adda citee torban tokkoo ol lakkoofsiseera.
Haa ta’u malee qorannoo Itoophiyaa Cheek suuraa konkolaataa waraanaa gubachaa jiru kanarratti taasiseen suurichi tibba kana godina Shawaa Kaabaa keessatti kan kaafame akka hintaane mirkaneeffateera.
Sakattaa ‘Google Reverse Image Search’ fayyadamuun taasifneen suuraan kun erga kaafamee waggoota 9 ol kan lakkoofsise ta’uu hubanneerra.
Haaluma kanaan marsariitiin ‘Long War Journal’ jedhamu suuricha ALA bara 2015 kan maxxanse yemmuu ta’u, isa boodas marsariitiiwwan garagaraarratti qoodamaa tureera.
Marsariitiin ‘Long War Journal’ suurichi konkolaataa waraanaa Itoophiyaa Somaaliyaa keessatti miseensota Al-Shabaabiin barbadaa’e akka ta’e garicha wabeeffachuun gabaasee ture.
Gabaasni marsariitiin ‘Long War Journal’ waqtii sanatti maxxanses geessituu kanaan argama: https://www.longwarjournal.org/archives/2015/06/shabaab-releases-images-from-the-ambush-of-ethiopian-troops.php
Gama biraatiin rakkoon nageenyaa lola humnootii mootummaafii hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti taasifamuun naannoo Oromiyaa iddoowwan garagaraatti uumame gaaga’ama lubbuu, mancaatii qabeenyaafii danqamu tajaajilawwan bu’uuraa qaqqabsiiseera.
ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ
ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::