Milkaa’ina marii biyyaalessaa keessatti gahee fayyadamtoota miidiyaa hawaasaa

The role of social media users in the success of national reconcilation

Adoolessa 29, 2016

Biyyoota garagaraa keessatti mariin biyyaalessaa gaaga’ama siyaasaa tasgabbeessuufii nageenya itti fufiinsa qabu fiduuf faayidaarra oolaa tureera.

Mariin biyyaalessaa dirreen marii bal’aafii hirmaachisaa ta’e akka uumamuuf carraa kan uumu yemmuu ta’u, dhimmoonni waggootaaf madda waldhabdee ta’an furmaata akka argatan taasisa.

Itoophiyaa keessattis Komishiniin Maree Biyyaalessaa hundaa’ee, garaagarteewwan dhimmoota ijoo biyyaalessaa kutaalee hawaasaa garagaraa gidduu jiran mariin akka furamaniif sochii taasisuu erga eegalee bubbuleera.

Mariiwwan komishinichaan adeemsifamaniis rakkoolee yeroo dheeraaf turan hiikuun aadaa siyaasaa biyyattii dagaagsuufii ijaarsa sirna dimokiraasiif haala mijataa uumuuf kan kaayyeeffatanidha.

Haa ta’u malee mariin biyyaalessaa kun milkaa’uu kan danda’u kutaaleen hawaasaa garagaraa gumaacha irraa eegamu haalaan bahachuu yoo danda’anidha.

Marii biyyaalessaa keessatti waldaaleen siiviilii, barsiisonni, dursitoonni amantaa, waldaaleen qaama miidhamtootaa, hawaasni daldalaa, hojjettoonni mootummaa, dhaabbileen siyaasaa, namoonni beekamoon fi kutaaleen hawaasaa garagaraa gahee irraa eegamu qabu.

Dabalataan fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaas milkaa’ina marichaaf gahee keenya bahachuun nurraa eegama.

Waqtii marii biyyaalessaatti fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa haasaawwan jibbiinsaa akkasumas ergaawwan waldhabdeefii walitti bu’iinsa uuman qooduurraa faggaachuu qabna.

Kana malees odeeffannoowwan dogongoraafii sobaa waqtii kanatti qoodaman adeemsa marii biyyaalessaarratti dhiibbaa geesisuu waan danda’aniif odeeffannoowwan sobaa maxxansuurraa of qusachuus qabna.

Dabalataan odeeffannoowwan sobaa miidiyaalee hawaasaarratti agarru deebisnee qooduu dhiisuufii odeeffannoowwan sobaa agarres tarkaanfiin akka irratti fudhatamuuf dhaabbilee miidiyaa hawaasaatti gabaasuu (report) gochuun odeeffannoowwan sobaa akka hin babal’annefii miidhaa akka hin qabqqabsiisne gochuu dandeenya.

Kana malees fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa ergaawwan nagaa lallaban qooduun cinatti hawaasni waa’ee marichaa akka hubatu gama gochuutiinis shoora mataa keenyaa bahachuu qabna.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::