Suuraawwan kunneen Ministirri Ittisaa Itoophiyaa duraanii Obbo Lammaa Magarsaa wayita tibba kana badhaasa fudhatan kan agarsiisan miti
Fulbaana 6, 2017
Suuraawwan waraabbiin iskiriinii (screenshot) isaanii mul’atu kun guyyoota muraasaa as marsaalee hawaasaarratti baay’inaan qoodamaa jiru.
Suuraawwan kunneen Ministira Ittisaa Itoophiyaa kan turan Obbo Lammaa Magarsaa angawoota waraanaa Ameerikaa (US) waliin kan agarsiisaniidha.
Odeeffannoowwan tibbana qoodamaa jiranis barreeffama “Dr. Lammaa Magarsaa hojii seenaa qabeessa hojjeteef mootummaan Ameerikaa ‘nama jabaa waggaa kanaa’ jechuun badhaasa fi beekamtii laateef” jedhu waliin qoodamaa jiru.
Haa ta’u malee sakattaa Itoophiyaa Cheek suuraawwan kunneen irratti taasiseen suuraawwan kunneen tibbana kan kaafaman akka hintaane mirkaneeffateera.
Qorannoo suuraawwan kunneen irratti taasifneen suuraawwan kun waggoota afur dura wayita Obbo Lammaa Magarsaa Ministira Ittisaa Itoophiyaa turanfii angawoota waraanaa Ameerikaa waliin achuma Ameerikaa (US) keessatti mari’atanitti kan kaafaman ta’usaanii mirkaneeffanneerra.
Waqtii sanattis miidiyaaleen biyya keessaafii alaa daawwannaa jiilli Obbo Lammaa Magarsaan durfamu biyya Ameerikaatti taasise gabaasanii turan. Suuraawwan tibbana qoodamaa jiranis waggoota afur dura miidiyaaleen qoodamanii turan.
Akka fakkeenyaattis gabaasni ‘AMN-Addis Media Network’ waqtii sanatti hojjetefii suuraawwan kunneen ofkeessaa qabu geessituu kanaan argama: https://www.facebook.com/share/Mdvi4kVHAy1gq9S4/?mibextid=WC7FNe
Kana malees qondaalli Itoophiyaa duraanii kun tibbana mootummaa Ameerikaatiin badhaafamuu isaanii ilaalchisee sakattaa taasifneen gabaasawwan sirrii badhaafamuu isaanii himan argachuu hin dandeenye.
Suuraawwan maddi isaanii osoo hin eeramin iddoo biraatii fuudhamanii qoodaman odeeffannoo sobaaf nusaaxiluu waan danda’aniif amanuufii deebisnee qooduu keenyaan dura ofeeggannoo yaa taasifnu.
ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ
ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::