Suuraan kun meeshaalee waraanaa Raayyaa Ittisaan tibbana booji’aman hin agarsiisu

A photo that claims to show weapons recently captured by the Defense Forces

Hagayya 03, 2015

Fuulawwanfi akkaawuntiiwwan Feesbuukii tokko tokko suuraan meeshaalee waraanaa garagaraa irratti mul’atan kun tibbana kan kaafame akka ta’etti qoodaa akka jiran hubanneerra.

Toorawwan miidiyaa haawaasaa kunneen meeshaaleen waraanaa suuricharratti mul’atan walitti bu’iinsa tibba kana naannoo Amaaraatti mudateerratti Raayyaa Ittisaan kan booji’aman akka ta’an eeruun qoodaa jiru.

Fuulawwan Feesbuukii suuricha qoodan keessaa inni tokko, “Gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa guyyaa har’aa meeshaa waraanaa gurguddaa gara garaa garee Jawwisaa harkaa booji’uun injifannoo ol’aanaa galmeesseera” jedha.

Haa ta’u malee sakattaa Itoophiyaa Cheek suuraa kana irratti taasiseen suurichi walitti bu’iinsa tibbanaan walqabatee kan kaafame akka hin taane mirkaneessera.

Suuraan kun ALA Fulbaana 04, 2021 fuula Feesbuukii Raayyaa Ittisaa Itoophiyaarratti maxxanfamee ture: https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=pfbid0ucy3QTGborpwo57iThC8BhhyVp59MaW9ac8Z4LauPKN3kU9MbvRdgxCaFuHa2unal&id=654684251716987&mibextid=qC1gEa

Fuulli Feesbuukii Raayyaa Ittisaa Itoophiyaas meeshaaleen waraanaa suuricharratti mul’atan waraana Kaaba Itoophiyaatiin walqabatee humnootii Tigraay gama naannoo Amaaraa godina Kaaba Wallootti seenan irraa kan booji’aman akka ta’e eeruun barreeffama qoodee ture.

Gama biraatiin magaalota naannoo Amaaraa garagaraa kesssatti humnootii mootummaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti tibbana walitti bu’iinsi uumamuunsaa ni beekama.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::