Suuraan kun Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa hin agarsiisu

Guraandhala 29, 2016

Fayyadamtoonni Feesbuukii heddu suuraa waraabbiin iskiriinii isaa mul’atu kana Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaati jechuun qoodaa jiru.

Maxxansawwan kunneen jalattis namoonni yaada qaban jalatti kan barreessan yemmuu ta’u, kunnen deebisanii qoodanis ni jiru.

Suuraan kun tibbana ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa dhibbentaa 95 gaheera jadhamuusaatiin walqabatee qoodamaa akka jirus hubanneerra.

Haa ta’u malee qorannoo Itoophiyaa Cheek suuricharratti taasiseen suurichi kan Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa akka hintaane mirkaneessera.

Sakattaa suuricha deebisanii barbaaduun (reverse image search) taasifneen hidhni suuricharratti mul’atuu Hidha Haaromsaa osoo hintaanee hidha biyya Hindii keessatti argamu akka ta’e mirkaneessineerra.

Maqaan hidha biyya Hindii kanaas Tungbhadra kan jedhamu yemmuu ta’u, naannoo Karnataka jedhamu keessatti argama.

Dhimmi hidha kanaa marsariitiiwwan miidiyaaleefii dhaabbilee biroo irratti baay’inaan kan argamu yemmuu ta’u, suuraafi gabaasni miidiyaan ‘The Hindu’ jedhamu ALA bara 2019 maxxanses geessituu kanaan argama:   https://www.thehindu.com/news/national/karnataka/continuous-rains-increase-inflow-into-tungabhadra-dam/article24424503.ece/amp/

Suuraawwan iddoo biraatii fuudhamanii haala dogongorsiisaa ta’een maxxanfaman odeeffannoo sobaaf nusaaxiluu waan danda’aniif ofeeggannoo yaa taasifnu.