Itoophiyaan seenaa keessatti dubartootaan dorgommii fiigichaa meetira 800 injifattee hinbeektuu?

Bitootessa 14, 2016

Fuulli Feesbuukii hordoftoota kuma 400 ol qabufii maqaa ‘Demeke Negassa Kube’ jedhu qabu Itoophiyaan seenaa keessatti fiigicha meetira 800 dubartootaan injifattee kan hinbeekne ta’uu eeruun odeeffannoo qoodee jira.

Odeeffannoon kun Atileet Tsiggee Dhugumaa dhiyeenya kana Shaampiyoonaa Atileetiksii Mana Keessaa Gilaasgootti adeemsifamefii Dorgommii Guutuu Arfikaa (All-Africa Games) irratti fageenya meetira 800’n injifachuushee ka’umsa gochuun qoodame.

Haaluma kanaan atileetiin kun fageenya meetira 800’n injifachuun ofiifis ta’ee Itoophiyaaf seenaa haaraa galmeessuushee maxxansichi hima.

Haa ta’u malee qorannoo Itoophiyaa Cheek odeeffannoo kanarratti taasiseen odeeffannoon “Itoophiyaan seenaa keessatti dubartootaan meetira 800’n injifattee hinbeektu” jedhu dogongora ta’uusaa mirkaneessera.

Atileetonni dubartoonni Itoophiyaa dorgommii fageenya meetira 800’n yeroo garagaraatti sadarkaa tokkoffaa bahuun injifachuusaanii ragaan dhaabbata idil addunyaa ispoortii atileetiksii hogganu ‘World Athletics’ agarsiisa.

Atileetota kunneen keessaa Habtaam Alamuu tokko yemmuu taatu, dhiyeenyuma kana ji’a tokko dura dorgommii ‘Copernicus Cup’ biyya Poolaanditti adeemsifamerratti fageenyicha sadarkaa tokkoffaa bahuun injifatteerti: https://worldathletics.org/competition/calendar-results/results/7175928?eventId=10229579

Atileetiin tun dorgommii fiigicha mana keessaa ‘Villa de Madrid’ ALA bara 2021 Ispeenitti adeemsifame akkasumas dorgommii fiigichaa ‘Botswana Golden Grand Prix’ ALA Ebla 2023 adeemsifames tokkoffaa bahuun injifatteerti.

Kana malees atileetiin Itoophiyaa isheen biroo Faantuu Migeessoo dorgommiilee Diyaamand Liigii garagaraa fageenya meetira 800’n injifatteerti:https://worldathletics.org/competition/calendar-results/results/7033727?eventId=10229512

Dabalataan Atileet Dirribee Waltajjii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Waggaa 20 gadii ALA bara 2018 Finlaanditti adeemsifameen Itoophiyaa bakka bu’uun tokkoffaa bahuun meedaaliyaa warqee argatteerti: https://worldathletics.org/competition/calendar-results/results/7105080?eventId=10229512