Suuraan kun daandii konkolaataa Itoophiyaa keessa jiru hin agarsiisu

false image purporting to show a road in Shambu Town

Guraandhala 12, 2016

Suuraan daandii konkolaataa ammayyaa ofirraa qabufii waraabbiin iskiriinii isaa mul’atu kun barreeffama ‘Magaala Shaambuu’ jedhu waliin miidiyaalee hawaasaarratti qoodamaa jira.

Kunneen suuraa kana qoodan keessaa immoo akkaawuntiin Feesbuukii maqaa ‘Yeroon Wallagga’ jedhu qabu ni argama.

Akkaawuntiin hordoftoota kuma 37 ol qabu kun guyyaa tokko dura ‘Magaalaa Shaambuu’ jechuun suuricha kan qoode yemmuu ta’u, fayyadamtoonni Feesbuukii 20 ol ta’an maxxansicha deebisanii qoodaniiru.

Kana malees maxxansicha jalatti yaadawwan (comments) 500 ol barreeffamaniiru.

Haa ta’u malee qorannoo Itoophiyaa Cheek suuricharratti taasiseen suurichi Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuu keessatti kan kaafame akka hintaane mirkaneeffateera.

Daandiin konkolaataa ammayyaa suuricharratti mul’atus Magaalaa Shaambuu keessatti kan argamu miti.

Suurichi biyya Lixa Afrikaa kan taate Ayivoorii Koost keessatti kan kaafame yemmuu ta’u, daandichis dhiheenya kan ijaaramefii magaalaa Abijaan keessatti kan argamudha.

Ijaarsa daandii kanaas miidiyaaleenfii dhaabbileen mootummaa biyyattii ji’oota muraasa dura gabaasaa turaniiru.

Akka fakkeenyaattis fuulli Feesbuukii maqaa Ejansii Bulchiinsa Daandii Ayivoorii Koostin banamefii ‘AGEROUTE Côte d’Ivoire’ jedhamu suuricha ji’a tokko dura ALA Mudde 29, 2023 maxxansee ture.

Maxxansi suuraa ‘Maagaalaa Shaambuu’ jedhamuun qoodame kana ofkeessaa qabus geessituu kanaan argama: https://www.facebook.com/share/p/rE6r8Zowv6FYJHCh/?mibextid=WC7FNe

Suuraawwan iddoo biraatii fuudhamanii bifa dogongorsiisaa ta’een qoodaman odeeffannoo sobaaf nusaaxiluu waan danda’aniif amanuufii deebisnee qooduu keenyaan dura ofeeggannoo yaa taasifnu.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::