Suuraan kun daandii konkolaataa Itoophiyaa keessa jiru hin agarsiisu

A picture that claims newly built roads in Ethiopia is fake

Amajjii 28, 2016

Akkaawuntiin Feesbuukii maqaa ‘Amiinoo Yuusuf’ jedhufii hordoftoota kuma 29 ol qabu suuraa dogongorsiisaa maxxansuu isaa hubanneerra.

Akkaawuntiin kun suuraa waraabbiin iskiriinii (screenshot) isaa mul’atu kana barreeffama daandii Itoophiyaa keessa jiru akka ta’e eeru waliin qoodee jira.

Maxxansa kanas fayyadamtoonni Feesbuukii 40 ol deebisanii kan qoodan yemmuu ta’u, kunneen odeeffannichi soba akka ta’e yaada kennanis ni jiru.

Haaluma kanaan qorannoo Itoophiyaa Cheek suuricharratti taasiseen suurichi Itoophiyaa keessatti kan kaafame akka hintaane mirkaneessera.

Suurichi daandii biyya Morookoo magaalaa Raabaat keessa jiru kan agarsiisu yemmuu ta’u, torbeewwan darban keessa marsaalee hawaasaarratti bal’inaan qoodamaa tureera.

Akkaawuntiiwwanfii fuulawwan miidiyaalee hawaasaa suuraa kana qoodan keessaa tokko immoo akkaawuntii Inistaagiraamii hordoftoota kuma 192 fi maqaa ‘rabat_24h’ jedhu qabu isa tokkodha.

Akkaawuntichi suuricha ALA Amajjii 18 bara 2024 kan maxxanse yemmuu ta’u, suurichis biyya Morokoo magaalaa Raabaat keessatti kan kaafamefi maqaan daandichaas ‘Al-Marsa’ kan jedhamu akka ta’e eeree jira.

Maxxansi akkawwuntii Inistaagiraamii ‘rabat_24h’ irratti qoodames geessituu kanaan argama: https://www.instagram.com/p/C2PyzD3NTs5/?igsh=c3o0bDZ2a3kxaXV6

Suuraawwan iddoo biraatii fuudhamanii haala dogongorsiisaa ta’een maxxanfaman odeeffannoo sobaaf nusaaxiluu waan danda’aniif ofeeggannoo yaa taasifnu

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::