Bara dhufu eegalee barnootni Afaan Oromoo manneen barnootaa Tigraay hunda keessatti ni kennama kan jedhu “gutumaan guutuutti dogongora” Dr. Daani’el Takluu

Misinformation that Oromo language will be taught in Tigray schools

Caamsaa 02, 2015

Fuulli Feesbuukii hordoftoota kuma 118 ol qabu fi maqaa ‘Toosh Tarree Page’ jedhu qabu barnoota Afaan Oromoon walqabatee odeeffannoo sobaa maxxansuu isaa ilaallee jirra.

Barreeffamni fuulicharratti maxxanfame “bara barnootaa dhufu irraa eegaluun manneen barnootaa naannoo Tigraay hunda keessatti Afaan Oromoo barachuun akka eegalu mootummaan naannoo Tigraay beeksiseera” jedha.

Fuulichi suuraa sagantaa waliigaltee mallatteessuu Inistitiyuutii Qo’annoo fi Qorannoo Oromoo, Akaadamii Afaanotaa Tigraay fi Inistitiyuutii Baayo tekinoloojii naannoo Tigraay irratti kaafames fayyadameera.

Itoophiyaa Cheek dhugummaa odeeffannoo barnootni Afaan Oromoo bara dhufuu eegalee manneen barnootaa Tigraay hunda keessatti kennamuuf akka ta’etti dhiyaate mirkaneessuuf hoggantoota Akaadamii Afaanotaa Tigraay fi Biiroo Barnootaa Naannoo Tigraay gaafateera.

Daayirektara Akaadamii Afaanotaa Tigraay kan ta’an Dr. Daani’el Takluu odeeffannichi “gutumaan guututti dogongora” jechuun Itoophiyaa Cheekitti himaniiru.

Dhaabbatichi barnootni Afaan Oromoo naannicha keessatti akka kennamuuf murteessuuf aangoo akka hin qabne fi marii Inistitiyuutii Qo’annoo fi Qorannoo Oromoo walin taasifamerrattis dhimma kanarratti kan hin mari’atamne ta’uu himaniiru.

“Ogummaan wal deeggaruuf akkasumas michummaa ummattoota Tigraay fi Oromoo gidduu ture cimsuuf carraa ni uuma jechuun sanada waliin hojjechuu nu dandeesisu mallatteessineerra” jedhan.

Hogganaan Biiroo Barnootaa Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraay Dr. Kiroos Gu’ush yaada hogganaa Akaadamii Afaanotaa Tigraay cimsuun odeeffannichi dogongora ta’uusaa Itoophiyaa Cheekitti himaniiru.

“Ammatti gosoota barnootaa haaraa hin daballu. Barattootni sadarkaa barnootaa umrii isaanii giturra akka gahan dadeesisuuf gosoota barnootaa kana dura turan hir’isuun barsiisaa jirra. Kanaafuu afaan haaraa daballu hin jiru” jedhaniiru.

Barnootni naannoo Tigraayitti jalqaba sababa weerara dhibee Koronaa Vaayirasiin boodarra immoo sababa waraanaan waliigala waggoota afuriif adda citee ture torbeewwan darban keessa eegaluusaa Biiroon Barnootaa naannichaa beeksiseera.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::