“Banamuu manneen barnootaan walqabatee mallattooleen utaalloo fakkaatan dabalaniiru, hariiroo Covid walin qabu baruuf qorannoon taasifamaa jira” Ministira Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa

“Banamuu manneen barnootaan walqabatee mallattooleen utaalloo fakkaatan dabalaniiru, hariiroo Covid walin qabu baruuf qorannoon taasifamaa jira” Ministira Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa

Fulbaana 22, 2016

Tibba kana hordoftoonni Itoophiyaa Cheek heddu qufaan utaalloo fakkaatu isaan mudachuufi dhibee Covid ta’uu akka malu yaaddoo qaban Itoophiyaa Cheekitti himaniiru. Dhimmicharratii ibsa mootummaa akka dhiyeessinuufis nugaafataniiru.

Dhimma kana ilaalchisee Ministira Fayyaa kan ta’an Dr. Liyaa Taaddasaa ibsa kan gaafanne yemmuu ta’u, isaanis deebii armaan gadii kana nuuf laataniiru.

“Mallattoo dhukkuba utaalloo fakkaatufi tibbana mul’ate akkasumas mallattoolee mudachuu Covid’f agarsiiftuu ta’uu danda’an dhiyeenyatti hordofaa jirra. Iddoowwan baay’eedhaa samuuda walitti qabnee qorannoo taasisaa jirra. Banamuu manneen barnootaan walqabatee mallattooleen utaalloo fakkaatan dabalaniiru. Waqtiin utaalloommoo dhufaa jira” jedhaniiru.

Dabalataan “ragaa keenya torbee darbeetiin (kunneen qorataman keessaa) dhibbeentaan 2.5 Infilueenzaa akkasumas dhibbeentaan 3 ammoo Covid ta’uun galmaa’aniiru. Haa ta’u malee lakkoofsi dhukkubsattoota Covid saffisaan dabalaa hinjiru; lakkoofsi kunneen hospitaalotatti yaalamaniis hin daballe.  Amma dhibeewwan hafuuraan daddarban ittisuuf xiyyeeffannoon keenya inni ijoon qulqullina dhuunfaa eeguudha. Kunneen talaalliin Covid isaan barbaachisu talaallicha fudhatanii dhibicharraa akka of eegan gorsina” jedhaniiru.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::