Yaaddoo haleellaan dijitaalaa uumefi tarkaanfilee ittisaa fudhatamuu qaban

Concerns raised by digital attacks and preventive measures to be taken

Hagayya 22, 2015

Haleellaan dijitaalaa (digital violence) dhimma babal’achuu intarneetiin walqabatee dhaabbileen kabajamuu mirgoota namoomaaf falmanfi kunneen biroon baay’inaan yeroo kaasan dhagahamudha.

Hookkarri yookiin haleellaan dijitaalaa gochaa miidhaa qaqqabsiisuu danda’u, kan tekinooloojiiwwan qunnamtii odeeffannoo yookiin miidiyaa dijitaalaa fayyadamuun nama yookiin garee irratti xiyyeeffachuun raawwatamudha.

Gochaan kun meeshaalee tekinooloojii ammayyaa kan akka kompiitaraa, bilbilawwan mobaayilaa akkasumas intarneeta fayyadamuun kan raawwataman akka ta’e ogeeyyiin himu.

Haleellaan dijitaalaa qoccollaa gama intarneetaan (onlaayinii) raawwatamu, haasaa jibbiinsaa, maqa balleessii, odeeffannoo sobaa tamsaasuu, doorsisa miidhaa qaamaafi ajjeechaa akkasumas gochaalee biroo heddu of keessatti qabata.

Haleellaan dijitaalaa bifa ergaa gabaabaatiin namatti ergamu akkasumas doorsisni fi waamichi tarkaanfii lubbuu dabarsuu miidiyaalee hawaasaatti maxxanfamu miidhaa qaamaa akkasumas yakka ajjeechaa namootarratti raawwatamuuf sababa yemmuu ta’us mul’ata.

Biyya keenya keessattis keessattuu walitti bu’iinsi naannoo Amaaraa keessaa erga uumameen booda maxxansawwan miidiyaa hawaasaa namoota dhuunfaa irratti haleellaan akka raawwatamu kakaasan fi waamicha taasisan baay’inaan mul’achaa jiru.

Maxxansawwan kunneen maqaa, suuraa, lakkoofsa bilbilaa, iddoo jireenyaafi odeeffannoowwan dhuunfaa namootaa miidiyaa hawaasaarratti maxxansuun nama sana irratti tarkaanfiin akka fudhatamuuf waamicha kan taasisanidha.

Haleellaan dijitaalaa kun namoota dhuunfaa akkasumas bifa gurmaa’een kan raawwatamu yemmuu ta’u, miidhaawwan hanga lubbuu dabarsuu kan qaqqabsiisu ta’uu danda’a.

Ogeeyyiin xinsammuu akka himanitti namootni doorsifni lubbuu dabarsuu yookiin ajjeechaa irratti raawwatame tokko tokko dandeettii xinsammuu haalicha dandamachuu isaan dandeesisu qabaatanis kunnen jeeqama sammuu eegalee hanga rakkoo xinsammuu cimaatiif saaxilaman akka jiran himu.

Miidhaa xinsammuun dabalataan haleellaawwan dijitaalaa qoccollaa daandiirraa, miidhaa qaamaa akkasumas ajjeechaa namootaafis sababa ta’uu danda’a.

Kanaafis tarkaanfilee wayita haleellaan dijitaalaa rawwatamutti fudhatamuu qaban keessaa inni tokko fayyaa sammuuf xiyyeeffannoo kennuun gorsafi yaala ogummaa fudhachuudha.

Kana malees qabiyyee haleellaa dijitaalaa yookiin dorsisa bifa ergaa gabaabaan ergame yookiin immoo miidiyaalee hawaasaa irratti maxxanfame akka ragaatti fayyaduu waan danda’uuf waraabbii iskiriiniin (screenshot) olkaawwachuun ni gorfama.

Tarkaanfiin inni biraan immoo dhimmicha qaamolee seeraaf beeksisuudha.

Kana malees qabiyyeen haleellaa dijitaalaa maxxanfame akka haqamuuf akkasumas akkaawuntii yookiin fuula miidiyaa hawaasaa gochicha raawwaterratti tarkaanfiin akka fudhatamuuf qaamolee seeraafi dhaabbata miidiyaa hawaasaa sanaaf gabaasuun yookiin ‘report’ gochuun barbaachisaadha.

Dabalataan qaamoleen seeraafi dhaabbileen miidiyaa hawaasaa qabiyyeewwan hookkarafi haleellaa kakkaasuu akkasumas lammiileerratti miidhaa xinsammuufi qaamaa qaqqabsiisuu kaayyeffatanii miidiyaalee hawaasaarratti qoodaman irratti tarkaanfii seeraa fudhachuun gahee isaanii bahachuu qabu.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::