Dhaabbatni Guugil tekinooloojii hubannoo namtolchee oduu barreessu hojiitti galchuuf akka ta’e beeksise

tekinooloojii

Adoolessa 14, 2015

  1. Dhaabbatni Guugil tekinooloojii hubannoo namtolchee oduu barreessu hojiitti galchuuf yaalii eegaluusaa gaazexaan Niwu York Taayims gabaase. Tekinooloojicha ilaalchisee dhaabbatni Guugil miidiyaalee garagaraaf ibsa laachuunsaas gabaasichaan himameera. Tekinooloojiin hubannoo namtolchee kun gaazexeessitoota hojiin ala kan godhu osoo hintaanee hojii isaanii salphisun kan isaan deeggaru akka ta’e himameera. Kana malees oduuwwan sobaa hubannoo namtolchee (Generative AI) fayyadamuun omishaman adda baasuuf kan fayyadu akka ta’e dhaabbatni Guugil ibsuusaa gaazexichi gabaasera. Ogeeyyiin miidiyaa Niwu York Taayimsiif yaadasaanii kennan gama isaaniitiin dandeettiin tekinooloojichi haalawwan jiran hubachuuf qabu shakkisiisaa akka ta’e himaniiru.
  1. Odeeffannoowwan sobaafi ergaawwan hookkara kakaasan fi miidiyaalee hawaasaarratti qoodaman lammiilee irratti sodaafi shororkaa uumaniiru jechuun hogganaan daayirektoreetii qorannoo yakkaa Keeniyaa Mohaammad Amiin himuu isaanii Kaappitaal FM gabaasee jira. Hogganaan kun waajjiri isaanii dhimmicha xiyyeeffannoon hordofaa akka jiru himuun, namootni odeeffannoowwan sobaafi ergaawwan walitti bu’iinsa kakaasan qoodan gochaa isaaniirraa akka of qoqqoban akeekkachiisaniiru. Mormiifi hookkara guyyoota darbanitti Keeniyaa keessatti uumameen lubbuun namaa darbuu ni beekama.
  1. Itoophiyaa keessatti uggurri miidiyaalee hawaasaa irratti ji’ootaaf kaayamee ture jalqaba torbee kanaatti ka’eera. Jalqaba ji’a Guraandhalaa irraa eegalee moosaajiiwwan akka Feesbuukii, TikTok, Yuutuubii, Telegiraama fi Miseenjar irratti uggurri kaa’amee turuunsaa ni yaadatama. Fayyadamtootni moosaajiiwwan kunneenii heddunis VPN fayyadamuun miidiyaalee hawaasaa mil’achaa turaniiru.

Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

  • Ergaa Wiixataa keenyaan yaaddoo tekinooloojiin hubannoo namtolchee fayyadamtoota miidiyaalee hawaasaarratti aggaame ilaalchisee barreeffama qoodneerra:

 https://t.me/ethiopiacheck/2086

  • Itoophiyaa keessatti uggurri marsaalee hawaasaa garagaraa irratti ji’ootaaf kaayamee ture ka’uusaa ilaalchisees gabaasa hojjanneerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2088

  • Qorannoo yaada ummataa mataduree ‘gaheen miidiyaan hawaasaa Itoophiyaa keessatti qabu hagami?’ jedhuun taasisnes bu’aasaa isinif qoodneerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2089

  • Odeeffannoo ajajaan poolisii Magaalaa Warataa ajjeefaman jechuun miidiyaalee hawaasaarratti qoodame ilaalchisee deebii bulchiinsi magaalichaa laates dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2090

  • Suuraalee iddoo biraatii fuudhamanii dhimma itti bahamu akkamiin adda baafachuun akka danda’amu ilaalchisees barreeffama maxxansineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2091

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::