Dhaabbatni Meta hojjettoota odeeffannoowwan sobaa fi dogongoraa irratti hojjetaa turan heddu hir’isuunsaa beekame

tekinooloojii

Ebla 20, 2015

1. Manni Murtii Waliigalaa Indiyaa ajajni haasaawwan jibbiinsaa naannolee fi kutaalee biyyattii hundatti akka galmaa’an jechuun waggaa tokko dura dabarse yeroonsaa akka dheeratu murteessuu isaa miidiyaaleen gabaasaniiru. Manni Murtichaa haasaawwan jibbiinsaa himatni irratti hin banamnes akka galmaa’an ajajeera. Dabalataan naannoleen biyyattii ogeeyyii haasaawwan jibbiinsaa galmeessan akka qacaran kan ajaje yemmuu ta’u, adeemsi raawwii qajeelfama dhaabbileen miidiyaa hawaasaa haasaawwan jibbiinsaa qoodaman ittiin haqan akka bahus ajajeera. Manni murtichaa fayyaalessummaa walitti dhufeenya dhaabbilee amantaa biyyattii keessaa eegsisuuf murtee kana akka dabarses himameera.

2. Tiwiitar hojimaata fayyadamtootnisaa qabiyyeewwan imaammata fi qajeelfama dhaabbatichaa cabsuun dhaqabummaan isaanii akka gadi bu’u taasifame adda itti baafatan hojiirra oolchuu eegale. Hojimaata haaraa kanaan qabiyyeewwan imaammata fi qajeelfama Tiwiitaraa cabsan kan golgaman yemmuu ta’u, fuullee isaaniirrattis hubachiisni “mul’inni isaa kan xiqqaate” (Visible limited) jedhuttu argama. Barreeffamni sababa qabiyyicharratti tarkaanfiin itti fudhatames ni kaa’ama.

3. Dhaabbatni Meta hojjettoota dhimma odeeffannoowwan sobaa fi dogongoraa irratti hojjetaa turan heddu hojiirraa gaggeessuu isaa marsariitiin ‘The Verge’ gabaasee jira. Kutaa odeeffannoowwan sobaa fi dogongoraa Feesbuukii fi Inistaagiraam irratti qoodaman irratti hojjetufi hojjettoota 50 qabu keessaa baay’eensaanii hir’ifamuu marsariitichi gabaasera. Metan hojjettoota naannoo 10,000 ta’an akka hir’isu hoji raawwachiisaa olaanaan dhaabbatichaa Maark Zukarbarg ji’oota muraasa dura beeksisuunsaa ni yaadatama.

✅️ Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

– Ergaa Wiixataa keenyaan haasaawwan jibbiinsaa bifa qoosaatin TikTok irratti dhiyaatan ilaalchisee tarkaanfilee akkamii fudhachuu akka dandeenyuu barreeffama isinif dhiyeessinee turre:

https://t.me/ethiopiacheck/1975

– Akkasumas odeeffannoo dogongoraa carraa hojii biyya Ameerikaan walqabatee dhiyaate saaxillee jirra:

https://t.me/ethiopiacheck/1978

– Odeeffannoowwan sobaa “Biiroon Barnootaa Naannoo Tigraay barnoota Afaan Amaariffaa sirna barnootaa naannichaa keessaa baase” jechuun dhiyaatanis sakatta’uun odeeffannoo sirrii Afaan Amaariffaa fi Tigriffaan isinif dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/1981

https://t.me/ethiopiacheck/1982

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::