Dhaabbatni Tiwiitar akkaawuntiiwwan kanfaltii hin raawwannerraa baajii cuquliisa haqe

tekinooloojii

Ebla 13, 2015

  1. Dhaabbatni Tiwiitar baajii mirkaneessa abbummaa kanaan dura bilisaan kennee ture kaleessa akkawuntiiwwan kanfaltii hin raawwanne irraa haquu isaa beeksise. Dhaabbatichi baajii cuquliisa kanfaltiin qofa fayyadamtootaaf kan kennu ta’uu ji’ootaan dura beeksisuunsaa ni yaadatama. Tarkaanfii dhaabbatichi fudhate hordofee akkaawuntiiwwan kana dura baajii cuquliisa ofirraa qaban amma baajichi irraa haqamee mul’ateera. Kunis akkaawuntiiwwan sobaa fakkeeffamanii banaman akka baay’ataniif karaa banuu danda’a yaaddoo jedhu uumee jira.
  2. Dorgommii suuraa Idil addunyaa Soonii kan bara 2023 (Sony World Photography Award 2023) kan injifate Booris Eldaagsan badhaasicha kan hin fudhanne ta’uu beeksise. Ogeessi suuraa lammii Jarman kun suuraan isaa hubannoo namtolcheen kan hojjetame ta’uusaa himuun dorgomicharraa of qoqqobeera. Booris murteessitoota dorgomichaa qoruuf akkasumas dhimmichi mataduree marii akka ta’uf jecha suuraa hubannoo namtolcheen (Artificial Intelligence) hojjetame dorgommiif dhiyeessusaa marsariitii dhuunfaasaa irratti katabeera. Suuraan Booris dorgomiif dhiyeesse mataduree ‘Siyudomeenshiyaa: Za Elektrishiyaan’ (Pseudomnesia: The Electrician) jedhu kan qabudha.
  3. Tiwiitar hojimaata namootni qabiyyewwan garagaraa hojjechuun miidiyaa hawaasichaa irratti qoodan galii beeksisarraa argamurraa akka qoodatan dandeesisu hojiirra oolchuu eegaluusaa beeksise. Kanaanis fayyadamtootni Tiwiitaraa galii beeksisawwan qabiyyeewwan isaaniirratti qoodaman irraa argamurraa maallaqa ni qooddatu. Hojimaatni kun ammatti biyyoota akka Jaapaan, Awustiraaliyaa, Niwuzilaand fi Kaanaadaa keessatti hojiirra ooluunsaas himameera. Hojimaatni kun namoota odeeffannoowwan sobaa qoodan fi cuqaasa adamsan hawwachuu danda’a jechuun qeeqtotni yaaddoo isaanii himaa jiru.

✅️ Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

  • Ergaa Wiixataa keenyaan haasaawwan jibbiinsaa bifa qoosaatin TikTok irratti dhiyaatan ilaalchisuun waa’ee tarkaanfilee fudhachuu dandeenyuu barreeffama Afaan Amaariffaan isinif dhiyeessineerra: https://t.me/ethiopiacheck/1967
  • Yaaddoo facaatii odeeffannoo sobaa suuraawwan tekinoloojii hubannoo namtolcheen hojjetaman uuman ilaalchisee Amaariffa, Afaan Oromoo fi Tigriffaan xiinxala isiniif dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/1968
https://t.me/ethiopiacheck/1969
https://t.me/ethiopiacheck/1970

  • Akkaawuntiiwwan fi fuulawwan Feesbuukii sobaa maqaa fi suuraa bulchaa yeroo naannoo Tigraay kan ta’an Obbo Getaachoo Raddaan banamanis saaxilleerra: https://t.me/ethiopiacheck/1971

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::