Dhaabbileen odeeffannoo waqtaawaa ta’e miidiyaaleef kennuun facaatii odeeffannoo sobaa ittisuuf itti gaafatamummaa isaanii bahachuu qabu

Concerns raised by digital attacks and preventive measures to be taken

Caamsaa 28, 2015

Waggoota muraasaa as facaatiin odeeffannoo sobaa mataduree haasaa ijoo akkasumas dhimma yaaddessaa ta’era. Odeeffannoo waqtaawwa, guutuu fi sirrii ta’e lammiileef dhiyeessuun immoo gahee gaazexeessitootaa fi dhaabbilee miidiyaati.

Gaazexeessitootni fi miidiyaaleen gahee isaanii kana bahachuuf odeeffannoo waqtaawwa, guutuu fi sirrii ta’e qaamolee dhimmi ilaallatu irraa argachuu qabu.

Haa ta’u malee odeeffannoo argachuun qormaatawwan heddu ofkeessaa kan qabudha. Biyya keenya keessatti angawootni mootummaas ta’e hoggantootni dhaabbilee dhuunfaa baay’inaan gaazexeessitoota fi miidiyaaleef balballi isaanii cufaadha.

Ogeeyyiin qunnamtii ummataa dhaabbilees odeeffannoo isaan akka tamsa’u barbaadan kennuun ala fedhiin gaafilee gaazexeessitoota fi miidiyaalee irraa dhiyaataniif deebisuuf qaban baay’ee gadi aanaa dha.

Kana malees odeeffaannoo dhoowwachuuf sababoota heddu kaa’unis baramaadha.

Marsariitiiwwan dhaabbilee muraasaan ala odeeffannoo yeroosaa eeggate akkasumas guutuu fi sirrii ta’e argachuun rakkisaadha.

Hudhaaleen odeeffannoo argachuun walqabatee jiran kunneen lammiileen odeeffannoo waqtaawaa, guutuu fi sirrii ta’e akka hin arganne taasisu.

Odeeffannoowwan sobaafi dogongoraa, haasaawwan jibbiinsaa fi yaadawwan dhugummaan isaanii hin mirkanoofne akka babal’atanis ni taasisa.

Kun immoo walitti dhufeenya hawaasa gidduu jiru kan laaffisu fi wal amantaa uummata fi mootummaa gidduu jiru kan hir’isudha. Dabalataan jibbiinsa, walitti bu’iinsa, mancaatii, waraana, beela, godaansa fi du’aaf sababa ta’a.

Gaaga’ama akkanaa ittisuuf immoo odeeffannoo sobaa odeeffannoo sirriin qolachuun dirqamadha.

Kanaaf ammo dhaabbileen odeeffannoo yeroosaa eeggate akkasumas guutuu fi sirrii ta’e gaazexeessitoota fi miidiyaaleef kennuun itti gaafatamummaa isaanii bahachuu qabu.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::