Dhimma baajii cuquliisa Tiwiitaraa fi odeeffannoowwan hordoffii miidiyaa Jimaataa kunneen biroo

rights organizations call on Ethiopia to end internet shutdowns

Ebla 06, 2015

Hordoffii miidiyaa Jimaataa keenya har’aatiin “dhaabbatni Tiwiitar akkaawuntiiwwan kana dura baajii mirkaneessa abbummaa fudhatan kaffaltii yoo raawwataniin ala tajaajilichi akka irraa citu beeksise” kan jedhufi odeeffannoowwan biroo dhiyeessina.

  1. Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa dhaabbata televizhiinii ESATf akeekkachiisa barreeffamaa xummuraa kenne. Abbaan taayitichaa ibsa miidiyaa hawaasaa Feesbuukii isaarratti maxxanseen televizhiiniin ESAT labsii tamsa’ina haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa ittisuu fi to’achuuf bahe lakk 1185/2012 darbuu isaa himeera. Akeekkachiisa xummuraa abbaan taayitichaa kennerratti gabaasawwan miidiyichi tamsaasefii rakkoo qabu jedhaman akka fakkeenyaatti eeramaniiru.
  1. Awustiraaliyaatti kantiibaa magaala Hepbarn kan ta’an Biriyaan Hud tekinoloojii hubannoo namtolchee kan ta’e ‘ChatGPT’ odeeffannoo sobaa tamsaasuu fi maqa balleessiin himachuuf akka ta’e himame. Miidiyaan YuurooNiws akka gabaasetti kantiibichi tekinoloojichi waa’ee isaanii deebii badaa akka laatu jiraattotarraa erga dhagahanii booda himachuuf ka’uu isaanii gabaasera. Odeeffannoowwan ChatGPTn kantiibicha ilaalchisee qoodu keessaa tokko odeeffannoo dogongoraa kantiibichi waggoota dura yakka mattahaa fudhachuun hidhaaf saaxilamanii akka turan himudha jedhameera. Abukaatoowwan kantiibichaa abbaa tekinoloojii ChatGPT kan ta’e dhaabbata ‘OpenAI’ jedhamuuf iyyata kan galfatan yemmuu ta’u deebii kan hin arganne yoo ta’e dhimmicha mana murtiitti akka geessan himaniiru. Himatichi kan banamu yoo ta’es himata ChatGPT irratti baname isa jalqabaa ta’a jedhameera.
  1. Tiwiitar akkaawuntiiwwan kanaan dura baajii mirkaneessa abbummaa fudhatan kanfaltii yoo hin raawwanne tajaajilichi kan irraa adda citu ta’uu himeera. Dhimma kanas abbaan qabeenyaa fi hoji raawwachiisaan dhaabbatichaa Iloon Mask gaafif deebii miidiyaa BBC walin taasiseerratti himeera. Tajaajilli baajii cuquliisaa kun kan adda citus ALA Ebla 20, 2023 ta’uu Mask ergaa akkaawuntii Tiwiitaraa isaarratti maxxanseen himeera. Baajiiwwan cuquliisa buleeyyiin (Legacy Blue Checks) hayyuuleef qofa kennamuu BBCti kan hime Iloon Mask, kunis hojimaata yaadni namoota muraasaa qofti haala adda ta’een akka faca’u taasise ta’uu himeera. Hojimaatni haaraan kanfaltii gaafatu garuu abbootii akkaawuntii maraaf walqixxummaa kan kennu akka ta’e Mask hubachiiseera. Kanumaan walqabtee Korporeeshiniin Birodkaastingii Itoophiyaa gabaasa torbee kana keessa hojjeteen Mask turtii BBC waliin taasiseen “baajiin Tiwiitaraa cuquliisni torbee lama booda kan badu ta’uu himeera” jechuun odeeffannoo dogongoraa akka qoode ilaallee jirra.

✅️ Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

  • Ergaa Wiixataa keenyaan qabxiilee odeeffannoowwan sobaa adda baafachuuf nugargaaran ilaalchisee Tigriffaan barreeffama dhiyeessineerra: https://t.me/ethiopiacheck/1958
  • Odeeffannoo Bulchaa Baankii Biyyaalessaa Itoophiyaa duraanii Dr. Yinnaagar Dasee ilaalchisee qoodame qulqulleessuun odeeffannoo sirrii isin biraan geenyerra: https://t.me/ethiopiacheck/1959
  • Odeeffannoon bishaan magaalaa Dabra Birhaan faalameera jechuun dhiyaate soba ta’uusaa Waajjirri Bishaanii fi Dhangala’aa magaalicha ibsa kan kenne yemmuu ta’u nuyis ibsicha isinif qoodnerra: https://t.me/ethiopiacheck/1961

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::