Haasaa jibbiinsaafi odeeffannoon sobaa sadarkaa tasgabbiifi nageenya lammiileefi biyyaa yaaddessurra gahuunsaa himame

rights organizations call on Ethiopia to end internet shutdowns

Waxabajjii 16, 2015

  1. Haasaa jibbiinsaafi odeeffannoon sobaa sadarkaa tasgabbiifi nageenya lammiileefi biyyaa yaaddessurra akka argamu Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa beeksise. Abbaan taayitichaa gabaasa qorannoo sadarkaa biyyaatti taasise jalqaba torbee kanaatti ifoomsera. Qorannichi facaatii haasaa jibbiinsaafi odeeffannoo sobaa miidiyaalee hawaasaa shan: Feesbuukii, Telegiraama, Yuutuubii, Tiwiitara fi TikTok irratti Mudde 13, 2014 hanga Mudde 23, 2015 ture irratti kan xiyyeeffatedha. Haaluma kanaanis facaatiin haasaawwan jibbiinsaa fi odeeffannoowwan sobaa sadarkaa yaaddessaarra gahuun isaa gabaasichaan himameera. Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasaa laatan eeramanis qabiyyeewwan fayyadamtoota miidhaaf saaxilan irratti tarkaanfii fudhachuufi lammiilee haleellaa irraa gama ittisuutin akkaataa dambiifi seera eegumsa hawaasaa kaayaniin tarkaanfii fudhachaa akka hin jirre gabaasicharratti eerameera.
  2. Waldaaleen aksiyoonaa beeksisawwan/dhaadhessawwan gama miidiyaalen tamsaasan seera kan hordofan akka ta’an Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise. Ministeerichi beeksisawwan waldaaleen aksiyoonaa gama miidiyaalen tamsaasan ilaalchisee Abbaa Taayitaa Gabaa Kaappitaalaa walin ta’un ibsa laatera. Beeksisawwan gurgurtaa aksiyoonaa wayita hawaasaaf dhiyaatanitti akkaataa hawaasa kasaaraa hin mallef hin saaxilleen hojjetamuu akka qaban himameera. Hawaasnis sirrummaa isaanii dursee mirkaneeffachuu akka qabu ibsichaan himameera.
  3. Tarkaanfii dhaabbatni Tiwiitar facaatii odeeffannoowwan jibbiinsa of keessaa qaban to’achuufi ittisuuf fudhachaa jiru ilaalchisee ibsa akka laatu mootummaa Awustiraaliyaan gaafatame. Mootummaan Awustiraaliyaa, dhaabbatni Tiwiitar deebii akka laatuf daangaa yeroo guyyoota muraasaa kan kaaye yemmuu ta’u guyyoota kunneen keessatti deebii yoo hin arganne adabbii cimaa dhabbaticharra akka kaa’u beeksiseera. Adabbichis guyyaatti Doolaara Awustiraaliyaa 700,000 akka ta’u beeksiseera.

️ Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

– Ergaa Wiixataa keenyaan hojii odeeffannoo qulqulleessuufi qormaatawwan isaa ilaalchisee barreeffama qoodnerra:
https://t.me/ethiopiacheck/2039

– Akkasumas odeeffannoo Itiyoo Telekom giddugalawwan maamiltoota isaa cufeera jechuun qoodames sakattaanerra:
https://t.me/ethiopiacheck/2040

– Dhimma namoota Imbaasii Israa’el seenuf beellama dabalataa qabadhaa jedhamanis ilaallerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2042

– Chaanalii Yuutuubii maqaa weellisaa Mizaan Tasfaayin banamanis sakattaanerra:
https://t.me/ethiopiacheck/2043

– Haala walfakkaatun akkaawuntiiwwanfi fuulawwan Feesbuukii sobaa maqaa weellisaa Guutuu Abarraatin banamanis saaxilleerra:
https://t.me/ethiopiacheck/2044

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::