Viidiyoon kun walitti bu’iinsa tibbana naannoo Amaaraatti uumamerratti kan waraabame miti

Doctored recording claiming to show army members during the conflict in the Amhara region

Hagayya 11, 2015

Walitti bu’iinsa tibbana naannoo Amaaraatti uumameen walqabatee viidiyoon miseensota Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa ‘jaalattus jibbitus abbaan biyyaa Oromoodha’ jechuun sirban agarsiisa jedhame bal’inaan qoodamaa jira.

Viidiyoon kun keessattuu Feesbuukiifi TikTok irratti irra deddeebiin kan qoodame yemmuu ta’u, yaadafi dubdeebii kumaatamaan lakkaa’amu argachuusaas ilaallee jirra.

Haa ta’u malee qorannoo Itoophiyaa Cheek viidiyoo kanarratti taasiseen viidiyoon loltootaafi sagaleen sirbaa dhagahamu kanaan dura qofa qofaatti, yeroo garagaraatti, irra deddeebiin qoodamaa turuu isaanii mirkaneessera.

Fakkeenyaaf loltootni viidiyicha keessatti mul’atan sirba weellisaa Caalaa Bultumee waa’ee Raayyaa Ittisaa sirbe waliin qindeeffamee ji’a tokko dura TikTok irratti qoodamuusaa ilaallee jirra. Viidiyioo kanas geessituu kana cuqaasuun ilaaluun ni danda’ama: https://vm.tiktok.com/ZM2EHGht7/

Haala walfakkaatuun waraabbiin iskiriinii (screenshot) loltoota viidiyicha keessatti mul’atan agarsiisu waggaa lama dura Tiwiitara (kan yeroo ammaa ‘X’ jedhamu) irratti qoodamee akka tures ilaallerra. Waraabbii iskiriinii kanas geessituu kana cuqaasuun ilaaluun ni danda’ama: https://twitter.com/4_woreda/status/1451489183588028417?s=19

Kana malees sagaleen sirbaa viidiyicha keessaa dhagahamu fuula Feesbukii ‘Finfinnee Free Post’ jedhamurratti ALI Amajjii bara 2015 qoodamee ture. Viidiyoo fuulli Feesbuukii kun qooderratti kan mul’atan garuu miseensota Raayyaa Ittisaa osoo hintaanee dargaggootadha. Viidiyioo kanas geessituu kana cuqaasuun ilaaluun ni danda’ama: https://fb.watch/mtTBL2-B0b/?mibextid=Nif5oz

Odeeffannoowwan kunneen akka agarsiisanitti viidiyoofi sagaleen walitti makamee gulaalamuun tibbana akka waraabametti fakkeeffamee qoodamaa jiru kun kan turefi walitti bu’iinsa naannoo Amaaraatti uumameen hidhata kan hin qabne akka ta’e hubachuun ni danda’ama.

Odeeffannoowwan barreeffamaa, suuraafi sagalee sobaa waqtii isaanii osoo hin eeggin bifa nama dogongorsuun qoodaman irraa of yaa eegnu.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::