Haasaawwan jibbiinsaa bifa qoosaan TikTok irratti qoodaman fi tarkaanfilee ittisaa fudhachuu dandeenyu

Daangaan mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu hagam ta’uu qaba?

Ebla 16, 2015

Maloota haasaawwan jibbiinsaa saba, amantaa fi eenyummaawwan biroo fayyadamuun miidiyaalee hawaasaa irratti itti dhiyaatanan keessaa qoosaan isa tokko. Qoosaawwan kunis barreeffamaan, haasaan, suuraa/fakkiin akkasumas viidiyoon dhiyaachuu danda’u.

Haasaawwan jibbiinsaa bifa qoosaatiin dhiyaatan kunneen dandeettii dubbistoota/daawwattoota heddu hawwachuu fi baay’inaan qoodamuu qabaatanis miidhaan isaan qaqqabsiisuu olaanaa akka ta’u tilmaamama.

Miidiyaalee hawaasaa haasaawwan jibbiinsaa bifa qoosaan qophaa’an baay’inaan irratti qoodaman keessaa tokko immoo TikTok dha. Taateen kun biyya keenya keessatti baay’inaan akka mul’atus ilaallee jirra.

Ragaaleen akka agarsiisanitti fayyadamtootni TikTok irra caalmaan guddattoota fi dargaggoota yemmuu ta’an kunis miidhaan haasaawwan jibbiinsaa achirratti qoodaman hawaasa keessatti qaqqabsiisuu danda’an yaaddessaa akka ta’u taasiseera.

Haasaawwan jibbiinsaa bifa qoosaan TikTok irratti dhiyaatan walitti dhufeenya hawaasa gidduu jiru akka hin hammeessine fi madda waldhabdee akka hintaaneef gahee keenya bahachuun nurraa eegama.

Qabiyyeewwan haasaa jibbiinsaa ofkeessaa qaban hojjechuu dhiisuu, kunneen qoodamanii agarre deebisnee qooduu dhiisuu akkasumas akkaawuntiiwwan haasaa jibbiinsaa maxxansan hordofuu dhiisuun tarkaanfii ijoodha.

‘Report’ gochuun immoo tarkaanfii fi gumaacha isa biraa yemmuu ta’u, TikTok irratti ‘report’ gochuuf salphaa fi filannoowwan garagaraa kan qabudha:

1. Viidiyoo ‘report’ gochuuf: –
• Viidiyoo ‘report’ gochuu barbaadnuu yaa bannu
• Viidiyicha cuqaasuun harka keenya xiqqoo irra yaa tursiifnu
• Itti aansuun ‘Report’ kan jedhu yaa cuqaasnu
• Itti aansuun ‘Hateful behavior’ kan jedhu yaa filannu
• Dhumarrattis ‘Report’ keenya yaa galchinu

2. Viidiyoo kallattiin darbaa jiru (Live Video) ‘report’ gochuuf: –
• Viidiyoo kallattiin darbaa jiru yaa bannu
• Itti aansuun ‘Share’ kan jedhu yaa cuqaasnu
• Itti aansuun ‘Report’ kan jedhu yaa cuqaasnu
• Achiiyis ‘Hateful behavior’ kan jedhu yaa filannu
• Dhumarrattis ‘Report’ keenya yaa galchinu

3. Yaada (comment) ‘report’ gochuuf: –
• Gara yaada (comment) ‘report’ gochuu barbaadnu yaa deemnu
• Yaadicha (comment) irratti cuqaasnee harka keenya xiqqoo irra yaa tursiifnu
• Itti aansuun ‘Report’ kan jedhu yaa cuqaasnu
• Achiiyis ‘Hateful behavior’ kan jedhu yaa filannu
• Dhumarrattis ‘Report’ keenya yaa galchinu

4. Akkaawuntii ‘report’ gochuuf: –
• Akkaawuntii ‘report’ gochuu barbaadnu yaa bannu
• Itti aansuun mallattoo tuqaa sadi (…) yaa cuqaasnu
• Itti aansuun ‘Report’ kan jedhu yaa cuqaasnu. Isa boodas qajeelfamawwan jiran yaa hordofnu.

Barreeffamoota, suuraawwan/fakkiiwwan akkasumas viidiyoowwan ergaawwan dogongoraa fi haasaa jibbiinsaa ofkeessaa qaban ‘report’ gochuun gumaacha yaa taasifnu.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::