Suuraan kun hidhattoota Faannoo waamicha nagaa tibbanaa fudhatanii galan hin agarsiisu

Mudde 11, 2016

Suuraan kun ‘hidhattoota Faannoo waamicha nagaa tibbanaa fudhachuun galan agarsiisa’ jechuun marsaalee hawaasaarratti qoodamaa jira.

Mootummaan naannoo Amaaraa walitti bu’iinsa naannicha keessa jiru furuuf hidhattoota naannicha keessatti socho’aniif waamicha nagaa dhiyeessuunsaa kan beekamu yemmuu ta’u, suuraan kunis dhimmuma kanaan walqabatee qoodamaa jira.

Suuraan kun suuraalee garagaraa lama walitti fiduun kan hojjetame yemmuu ta’u, isa tokkorra namoonni tuuta’anii jiran yemmuu mul’atan isa biraarrammoo meeshaalee waraanaa (qawwee) tarree galetu mul’ata.

Fayyadamtoonni Feesbuukii tokko tokko suurichi hidhattoota Faannoo waamicha nagaa tibbanaa fudhatanii galan agarsiisa jechuun qoodanillee, sakattaa Itoophiyaa Cheek taasiseen garuu suuraaleen mul’atan kun tibbana kan kaafaman akka hintaane mirkaneeffateera.

Hidhattoota Faannoo waamicha nagaa Mootummaa Naannoo Amaaraa tibbanaa fudhachuun galanis hin agarsiisu.

Suuraaleen kunneen waggaa tokko dura kan kaafaman yemmuu ta’u, waqtii sanatti suuraa hidhattoota Qimaant agarsiisu akka ta’es miidiyaalee biyya keessaatiin gabaafamee ture.

Biroon Komunikeeshinii Naannoo Amaaraas odeeffannoo ALA Mudde 21, 2022 fuula Feesbuukiisaa mirkanaa’eerratti maxxanseen, ‘hidhattoonni godinaalee Gondar Giddugaleessaa fi Gondar Lixaa keessa socho’aa turan 300 ol mootummaaf harka kennan’ jechuun barreeffama suuraalee kunneen ofirraa qabu qoodee ture: https://www.facebook.com/share/32nEgA3czzDCyVHb/?mibextid=WC7FNe

Fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa biroos suuraawwan kunneen odeeffannoo walfakkaataa waliin qoodanii turan: https://www.facebook.com/share/YBrAsovKhACj3GJf/?mibextid=WC7FNe

Suuraaleen iddoo biraatii fuudhamanii qoodaman odeeffannoowwan sobaafii dogongoraaf nusaaxiluu waan danda’aniif amannee ofitti fudhachuufii deebisnee qooduu keenyaan dura sirrummaa isaanii yaa mirkaneeffannu.