Facaatii odeeffannoo sobaafi haasaa jibbiinsaa irratti qorannoo Faaktifaay Itoophiyaan dalage

rights organizations call on Ethiopia to end internet shutdowns

Bitootessa 29, 2015

  1. Itoophiyaa keessatti maxxansawwan fayyadamtoota miidiyaalee hawaasaaan qoodaman 10 keessaa tokko odeeffannoo sobaa yookiin haasaa jibbiinsaa kan qabudha jechuun dhaabbata Faaktifaay Itoophiyaa jedhamu wabeeffachuun Addis Maaladaan gabaasera. Dhaabbatni Faaktifaay Itoophiyaa jedhamu tekinoloojii ‘machine learning’ fayyadamuun miidiyaalee hawaasaa Feesbuukii, Tiwiitara fi Telegiraama irratti qorannoo akka taasise gabaasichaan himameera. Maxxansawwan Afaan Amaariffaa, Afaan Oromoo fi Tigriffaan qoodaman miliyoonni tokko qorannichaan akka gamaaggamaman kan himame yemmuu ta’u maxxansawwan miliyoona tokko kunneen keessaa kuma 50 kan ta’an odeeffannoo sobaa, kuma 30 kan ta’an qabiyyeewwan hookkara kakaasan akkasumas kuma 25 kan ta’an immoo haasaa jibbiinsaa ofkeessaa kan qaban ta’anii argamaniiru.
  1. Indiyaan dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasaa kennan kunneen akka Feesbuukii, Tiwiitara fi kunneen biroo dhimmoota mootummaan walqabatee odeeffannoowwan sobaa akka hin kessumeessine dhorkite. Biyyattiin fooyya’iinsa seera tekinoloojii odeeffannoo irratti taasifteen dhorkaa kana keesse. Seerri fooyya’e kun dhaabbileen kunneen odeeffannoowwan sobaa fi dogongoraa qulqulleessuu/mirkaneessuuf qulqulleessitoota odeeffannoo mootummaa qofa akka fayyadaman kan dirqisiisudha. Dhaabbileen miidiyaa hawaasaa fi telekoomii seera kana hin kabajne eegumsi mootummaarraa argatan akka adda citu himameera.
  1. TikTok odeeffannoowwan sobaafi haasaawwan hammaatoo qoodaman irratti fooyya’iinsa tarkaanfii hin taasisu taanaan tarkaanfiin cufamuu akka irratti fudhatamu mootummaan Vetinaam beeksise. Daayrektarri Abbaa Taayitaa Miidiyaa Vetinaam Ku’aang Tu Du “TikTok facaatii odeeffannoo sobaa gama ittisuutiin tarkaanfii irraa eegamu fudhachaa hinjiru” jechuun qeeqaniiru. TikTok malee Feesbuukii fi Yuutuubiis kan komatan daayrektarichi, mootummaan isaanii ji’a Caamsaa dhufu TikTok irratti qorannoo akka taasisu himaniiru.

✅️ Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefii geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

  • Ergaa Wiixataa keenyaan Guyyaa Idil-addunyaaa Odeeffannoo Qulqulleessuun walqabatee gahee hojiin odeeffannoo qulqulleessuu facaatii odeeffannoo sobaa ittisuu keessatti qaburratti barreeffama dhiyeessineerra: https://t.me/ethiopiacheck/1947
  • Dabalataan babal’achuu odeeffannoo sobaafi haasaa jibbiinsaaf gumaachuu mala jechuun yaaddoo kan uume tekinoloojii sagalee fakkeessanii qindeessuu (Voice Cloning) ilaalchisees ibsa dhiyeessineerra: https://t.me/ethiopiacheck/1951
  • Wayita marsariitiiwwan daawwannutti of eeggannoo taasisuu qabnu ilaalchisees Afaan Tigriffaan odeeffannoo isinif qoodneerra: https://t.me/ethiopiacheck/1953
  • Naannoo Amaaraa iddoowwan tokko tokkotti tajaajilli intarneetii adda cituusaa mirkaneeffachuunis odeeffannoo isinif qoodneerra: https://t.me/ethiopiacheck/1954

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::