Metan tajaajila baajii cuquliisa biyyoota muraasa keessatti gurgurtaan dhiyeessuu eegale

tekinooloojii

Caamsaa 11, 2015

  1. Dhaabbatni Meta mallattoo mirkaneessa abbummaa kan ta’e baajii cuquliisa akkaawuntiiwwan Feesbuukii fi Inistaagiraamii Yunaayitid Kingidam (UK) keessatti gurgurtaaf dhiyeessuu isaa BBCn walakkeessa torbee kanatti gabaasera. Baajiin cuquliisni kun Paawundii 9.99n gurgurtaaf kan dhiyaate yemmuu ta’u namootni tajaajilicha bitanis waraqaa eenyummaa mootummaarraa kennamu agarsiisuu qabus jedhameera. Baajichi Yunaayitid Kingidamiin dabalataan Yunaayitid Isteetis, Niwuzilaand fi Awustiraaliyaatti gurgurtaaf dhiyaachuusaas BBCn gabaasera. Gama biraatiin Tiwiitar tajaajilicha kanaan dura gurgurtaaf dhiyeessuun isaa ni yaadatama.
  1. Tiwiitar hojimaata maamiltootni isaa viidiyoo dheeraa miidiyaa hawaasichaarratti akka fe’an dandeesisu hojiirra oolchuu eegaluusaa beeksise. Hojimaata haaraa kanaan akkaawuntiiwwan Tiwiitaraa baajii mirkaneessa abbummaa qaban viidiyoo hanga sa’aa 2 dheeratu fi hammi isaa GB 8 gahu Tiwiitaraa irratti qooduu danda’u jedhameera. Tiwiitar mala maamiltootni isaa galii beeksisarraa argamu itti qooddachuu danda’an hojiirra oolchuuf akka ta’e irra deddeebiin beeksisaa turuunsaa ni yaadatama.
  1. Miidhaa bu’aawaan tekinoloojii hubannoo namtolchee qaqqabsiisan to’achuuf seerri bahuu akka qabu hoji gaggeessaa olaanaa ‘OpenAI’ kan ta’an Saam Altmaan waamicha dhiyeessan. Hoji gaggeessaa olaanaan kun wayita Seenetii Ameerikaatti koree dhimmoota seeraa biratti dhiyaachuun dhimma tekinoloojii hubannoo namtolchee ilaalchisee ragaa bahanitti waamicha kana dhiyeessan. Faayidaawwan gaggaarii hubannoo namtolchee kan hubachiisan Altmaan, tekinoloojichi odeeffannoo sobaa tamsaasuu fi gochaalee hammeenyaa biroof faayidaarra ooluu danda’a jechuun yaaddoo isaanii ibsaniiru. Kanaafis seerri fi ejansiin dhimmicha ilaalchisee to’annoo taasisu akka barbaachisu himaniiru. ‘OpenAI’ dhaabbata ChatGPT kalaqe ta’uunsaa ni beekama.

✅️ Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

– Ergaa Wiixataa keenyaan miidiyaan hawaasaa akkamiin gochaalee hammeenyaaf ooluu akka danda’u fi tarkaanfilee ofeeggannoo fudhachuu dandeenyu ilaalchisee barreeffama dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2003

– Chaanaalii Telegiraamaa sobaa maqaa Safaricomin banames saaxilleerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2004

– Gabaasa dogongorsiisaa EBCn hojjete ilaalchisees odeeffannoo qoodnerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2005

– Suuraa bifa nama dogongorsuun qoodames saaxilleerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2006

– Tajaajila VPN Itiyoo telekoom maamiltootasaaf dhiyeessu ilaalchisees ibsa isinif qoodneerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2007

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::