“Gargaarsi maqaa Buusaa Gonofaa Oromiyaa ofirraa qabu gurguramaa jira kan jedhu soba” Buusaa Gonofaa Booranaa

Busa Gonofa's maize sac

Bitooteessa 05, 2015

Suuraan qalqala/madaabaraa barreeffama ‘Buusaa Gonofaa Oromiyaa’ jedhu ofirraa qabu odeeffannoo “gargaarsi ummata Booranaaf ergame gurguramaa jira” jedhuun marsaalee hawaasaa irratti qoodamaa jira.

Suuricha jalqaba kan fayyadame miidiyaan Addis Standard, suuricha jiraattota magaala Yaaballoo irraa argachuusaa fi mana daakuu/gabaa keessatti kan kaafame ta’uu himee jira https://addisstandard.com/news-communities-in-drought-hit-borana-reel-amid-rising-aid-scandal-officials-refute-allegations/?fbclid=IwAR2dWCrDXq6vfdN4qKkHP4ZRE0QnBty1y2D5dLyKElSrJLw0eW5btjX6VH8

Miidiyaan ‘Zehabesha’ jedhamus “qalqalawwan daakuu barreeffama Buusaa Gonofaa Oromiyaa jedhu ofirraa qaban baay’inaan gabaaf dhiyaataniiru” jechuun suuricha qoodee jira https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=pfbid0pg6eKPboCKdxvzzYobi3EoyioProPtSGahNcrW983r83oyApiJRkpfuqs8g4UnRKl&id=257133381025542&mibextid=qC1gEa

Itoophiyaa Cheek dhimma suuraa kanaa Hogganaa Waajjira Buusaa Gonofaa Godina Boornaa Obbo Liiban Saaraa kan gaafate yemmuu ta’u, odeeffannoon gargaarsi qalqala barreeffama ‘Buusaa Gonofaa Oromiyaa’ jedhu qabu gurguramaa jira jedhu ‘soba’ jechuun himan.

Waajjirri isaanii gargaarsa maqaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa irratti barreeffame erga raabsee ji’a tokkoo ol akka ta’es dubbatan.

“Madaabaraan Buusaa Gonofaa Oromiyaa jedhu midhaan ofeggannoo (contingency) Buusaan Gonofaa Oromiyaa nuf ergudha. Inni midhaan of eggannoo waan ta’eef muraasatu dhufa. Muraasni godina qaqqabu sun immoo naannoo rakkoon cimaan itti jirutti raabsama” jedhan.

“Erga deeggarsi lammiin lammiif jedhu dhufee as deeggarsi madaabaraa Buusaa Gonofaa jedhuun kenname hinjiru. Kan ofeeggannoof keenyes mana kuusaa keenya keessaa qabna” jedhan.

Gama biraatiin Addis Standard fi Zehabesha wanti qalqalicha keessa jiru daakuu ta’uu gabaasanis Obbo Liiban garuu gargaarsi qalqala kanaan raabsamu daakuu osoo hintaane boqqoolloo dheedhii (kan hin daakamne) ta’uu himan.

Gama biraatiin gargaarsi midhaanii qalqala barreeffama ‘Buusaa Gonofaa Oromiyaa’ jedhu ofirraa qabu naannoo Yaaballootti gurguramaa jiraachuusaa Itoophiyaa Cheek jiraattota magaalichaa lama gaafatee jira.

Isaanis gargaarsi midhaanii madaabaraa/qalqala barreeffama ‘Buusaa Gonofaa Oromiyaa’ jedhuun gara godinichaa ergame gurguramaa jiraachuu isaa kan hin agarre ta’uu himan.

Kana malees odeeffannoo waliigalaa ‘gargaarsi gurguramaa jira’ jedhu dhagahuun alatti wanti qabatamaan isaan argan akka hinjirre dubbatan.

Hogganaan Waajjira Buusaa Gonofaa Booranaa Obbo Liiban Saaraa, suurichi tarii namootni gargaarsa kanaan dura fudhatan madaabaricha keessa meeshaa biraa kaayanii gabaan bahanii ta’uu akka malu himan.

Kana malees qalqalichuma duwwaasaa daldaltootatti gurguratanii ta’uu akka danda’us himaniiru.

Hongee godina Booranaatti mudateen jiraattotni godinichaa heddu rakkoof kan saaxilaman yemmuu, ta’u torbeewwan muraasa darbanii as gargaarsi kutaalee hawaasaa garagaraan walitti qabame gara godinichaatti ergamaa turuun ni yaadatama.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::