‘Xalayaa Obbo Baqqalaa Garbaaf barreeffame jechuun miidiyaa hawaasaarratti qoodamaa kan jiru soba’ Kongirasii Federaalawaa Oromoo /KFO/

Fake letter circulating about Oromo politician Bekele Gerba

Hagayya 24, 2015

Xalayaan maxxansa kana keessatti mul’atu kun ‘Kongirasiin Federaalawaa Oromoo /KFO/ Obbo Baqqalaa Garbaaf barreesse’ jechuun miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamaa jira.

Xalayaan kun Dursaa Itti Aanaa Dura Taa’aa dhaabichaa kan turan Obbo Baqqalaa Garbaa “qabeenya paartii harkasaanii jiru akka deebisan” ergaa jedhu ofirraa kan qabu yemmuu ta’u, Feesbuukii irratti bal’inaan qoodamuusaa ilaallee jirra.

Dhimma xalayaa kanaa ilaalchisee Itoophiyaa Cheek Barreessaa Olaanaa Kongirasii Federaalawaa Oromoo Obbo Xurunaa Gamtaa akkasumas Obbo Baqqalaa Garbaa kan gaafate yemmuu ta’u, lachuu xalayichi soba akka ta’e nutti himaniiru.

Xalayaan kun kaleessa Hagayya 23, 2015 irraa eegalee miidiyaalee hawaasaarratti qoodamaa jiraachuu kan himan Obbo Xurunaa Gamtaa, “Xalayichi soba. Tokkoffaa guyyaas lakkoofsas hinqabu. Matadureensaas kan yeroo hundumaa itti fayyadamnu miti, mallattoos hinqabu. Kijiba ta’uusaa kuni hundi ni ibsa” jedhaniiru.

Xalayaan kun jalqaba mallattoo malee marsaalee hawaasaarratti qoodamaa turuun boodarra immoo mallattoon itti godhamee miidiyaalee hawaasaarratti maxxanfamaa akka jiru himuunis, “Inni jalqaba dhoobamefi inni booda kana dhoobamaa jiru garaagarummaa qaba. Kuni mataansaa kijiba ta’uusaa agarsiisa” jedhan.

Obbo Baqqalaa Garbaa ‘Biyya hambaatti hafuufi hooggansa KFO’s dhiisuuf murteesseera’ jechuun tibbana miidiyaaf ibsa laachuun isaanii ni yaadatama.

Paartiin Kongirasii Federaalawaa Oromoos xalayaa iyyata aangoo gadi dhiisuu Obbo Baqqalaa Garbaa fudhachuusaa beeksisu guyyaa har’aa fuula Feesbuukiisaa mirkanaa’e (verified) irratti maxxanseera: https://m.facebook.com/story.php?story_fbid=pfbid0y1zcAeir6Te7mQWbfzFn2gHaWMwtnpbgv8BCyXYfmJNLuWRA38EgeDhXb3ddX2fgl&id=100051099425747&mibextid=qC1gEa

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::