Toorawwan miidiyaa hawaasaa sobaa maqaa Baankii Siinqeetiin banaman irraa of yaa eegnu!

fake social media networks opened in the name of Siinqee Bank

Hagayya 17, 2015

Baankiin Siinqee akkaawuntiiwwan, fuulawwan fi gareewwan Feesbuukii sobaa maqaa baankichaatiin banaman odeeffannoowwan sobaa qodaa akka jiran beeksiseera.

Baankichi odeeffannoo fuula Feesbuukii isaarratti maxxanseen “namoonni seeraan alaa tokko tokko maqaa fi asxaa Baankii keenyaatti fayyadamanii yeroo baayyee odeeffannoo sobaa adda addaa tamsaasaa akka jiran hubannee jira” jedheera.

Kanaafis hordoftootni miidiyaa hawaasaa baankichaa ergaawwan toorawwan Feesbuukii sobaa kunneenirratti qoodaman irraa akka of eeganis dhaamera.

Dabalataan “maamiloonni fi ummanni bal’aan odeeffannoowwan fuulota maqaa baankii Siinqeetiin tamsa’aa jiruun akka hin dogoggorre kabajaan isin beeksissaa; namoota dhuunfaa hojii badii kana irratti hirmaatan adda baafnee tarkaanfii seeraa irratti fudhachuuf kan hojjachaa jiru ta’u isin hubachifna” jedheera.

Baankichi fuulli Feesbuukii isaa inni sirriin geessituu itti aanu kanaan akka argamus beeksiseera: https://www.facebook.com/Siinqeebank

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::