Suuraan kun tibbana naannoo Amaaraa keessatti kan kaafame miti

Amaaraa

Fulbaana 05, 2016

Suuraan namootni uffata miseensota Raayyaa Ittisaa Itoophiyaa uffatanfi qaama namaarra ejjetanii agarsiisu kun tibbana marsaalee hawaasaa irratti qoodamaa jira.

Fayyadamtootni miidiyaalee hawaasaa suuraa kana qoodanis suurichi walitti bu’iinsa naannoo Amaaraa keessaan walqabatee kan kaafamefi taatee naannicha keessatti rawwatame kan agarsiisu akka ta’e katabuun qoodaa jiru.

Fuulawwan Feesbuukii suuraa kana barreeffama “Raayyaa Ittisaa naannoo Amaaraa keessatti” jedhu waliin qoodan keessaa tokko maqaa Faannoo Miidiyaa (ፋኖ ሚዲያ- Fano Media) jedhu qabudha.

Fuulli Feesbuukii hordoftoota kuma 100 ol qabu kun suuricha guyyaa tokko dura kan qoode yemmuu ta’u, maxxansichi  fayyadamtoota Feesbuukii 100 oliin irra deebiin qoodameera. Kunneen yaada fi ilaalcha isaanii jalatti barreessanis ni jiru.

Haa ta’u malee qorannoo Itoophiyaa Cheek suuraa kanarratti taasiseen suurichi tibbana naannoo Amaaraa keessatti kan kaafame akka hintaane mirkaneeffateera.

Suuraan kun waggoota lama dura kan kaafame yemmuu ta’u, marsariitii TGHT jedhamurratti suuraalee walfakkaatan biroo waliin maxxanfamee akka tures ilaallee jirra.

Maxxansi marsariitii Tghat suuricha agarsiisus geessituu kanaan argama: https://www.tghat.com/2021/05/12/killing-for-pleasure-what-the-phone-of-an-ethiopian-soldier-in-tigray-reveals-warning-extremely-graphic-images/?amp=1

Dabalataan suurichi waqtii waraana Kaaba biyyattiitti kan kaafame akka ta’es marsariitiin kun eeree jira.

Suuraaleen waqtii isaanii osoo hin eegiin qoodaman odeeffannoowwan sobaa fi dogongoraaf nusaaxiluu waan danda’aniif amannee ofitti fudhachuufi deebisnee qooduu keenyaan dura ofeeggannoo yaa taasifnu.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::