Suuraan hiriira magaalaa Ambootti taasifame agarsiisa jechuun qoodamaa jiru dogongora

Amboo

Fulbaana 08, 2016

Suuraan namoota hiriirarra jiran agarsiisu kun ajjeechaa tibbana godina Wallaga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaatti raawwatameen walqabatee marsaalee hawaasaarratti qoodamaa jira.

Fayyadamtootni miidiyaalee hawaasaa suuraa kana qoodanis, suurichi ajjeechaa raawwatame mormuun hiriira magaalaa Amboo keessatti bahame kan agarsiisu akka ta’e barreessaniiru.

Namnootni heddus maxxansawwan kunneen deebisanii kan qoodan yemmuu ta’u, yaada fi ilaalcha qabanis jalatti barreessaniiru.

Haa ta’u malee qorannoo Itoophiyaa Cheek suuricha irratti taasiseen suurichi hiriira tibbana magaalaa Ambootti taasifame kan hin agarsiisne ta’uu mirkaneeffateera.

Suuraan kun viidiyoo ALA Mudde 2022 qoodame irraa waraabbii iskiriinii (screenshot) kan fudhatamedha.

Viidiyoon waraabbiin iskiriinii kun irraa fudhatames geessituu kanaan argama: https://www.facebook.com/watch/?ref=search&v=1131828980866610&external_log_id=20dab4cf-a3be-48c6-bf47-10df3afbe3db&q=hiriira%20amboo

Iddoon suuraan kun ‘screenshot’ itti godhames viidiyicha keessatti sekondii 0:27 irratti argama.

Suuraawwan fi viidiyoowwan yeroo isaanii osoo hin eegiin iddoo biraatii fuudhamanii qoodaman odeeffannoo sobaa fi dogongoraaf nusaaxiluu waan danda’aniif amanuufi qooduu keenyaan dura sirrii ta’uu isaanii yaa mirkaneeffannu.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::