“Odeeffannoon naannoo Amaaraatti labsiin yeroo muddamaa labsame jedhu soba” MN Amaaraa

false social media posts about the declaration of state of emergency in Amhara

Ebla 25, 2015

Fuulli Feesbuukii ‘Finfinnee Free Post’ jedhamufi hordoftoota Kuma 294 ol qabu “naannoo Amaaraatti labsiin yeroo muddamaa ji’a 3f labsameera” jechuun odeeffannoo dogongoraa qoodee jira.

Odeeffannoo dogongoraa oduu ammee (Breaking News) jechuun dhiyaate kana fayyadamtootni Feesbuukii 50 ol deebisanii kan qoodan yemmuu ta’u, 60 ol kan ta’an immoo yaada irratti kennaniiru.

Odeeffannoon sobaa kun fuula Feesbuukii ‘Finfinnee Free Post’ malee akkaawuntiiwwan fi fuulawwan Feesbuukii biroo heddun akka qoodames ilaallee jirra.

Dhimmicha ilaalchisee Itoophiyaa Cheek hogganaa Biiroo Komunikeeshinii Naannoo Amaaraa kan ta’an Obbo Gizaachoo Mulunah kan gaafate yemmuu ta’u isaanis odeeffannoowwan naannichatti labsiin yeroo muddamaa labsameera jechuun qoodamaa jiran soba ta’uu isaanii himaniiru.

Odeeffannoowwan shakkisiisoo bifa oduu ammeetiin dhiyaatan odeeffannoo sobaa fi dogongoraaf nu saaxiluu waan danda’anif amanuu fi qooduu keenyaan dura ofeeggannoo yaa goonu.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::