Viidiyoon kun Itoophiyaa keessatti kan waraabame miti; dubartoota gurgurtaaf dhiyaatan jedhames hin agarsiisu

False message shared on twitter referring “Muslim women's market” in Ethiopia

Hagayya 24, 2015

Viidiyoon waraabbiin iskiriinii isaa mul’atu kun barreeffama “Itoophiyaa keessatti gabaa dubartoota musliimaa” jedhu waliin Tiwiitara (X) irratti qoodamee dubdeebiiwwan heddu argateera.

Viidiyoo kana akkaawuntii Tiwiitaraa isaaniirratti kan maxxansan immoo miseensa paarlaamaa Nezarlaands akkasumas dura taa’aa dhaaba siyaasaa Paartii Bilisummaaf (PVV) jedhamuu kan ta’an Hirt Wildars dha: https://x.com/geertwilderspvv/status/1695757261224694160?s=46&t=dmcdufxK8i9nmLEWi2-yGQ

Akkaawuntiin Tiwiitaraa nama siyaasaa kanaa hordoftoota miliyoona tokkoo ol kan qabu yemmuu ta’u, viidiyoon isaan Itoophiyaa keessatti akka waraabame eerun maxxansanis al kuma 213 daawwatameera.

Kana malees namootni 800 ol maxxansa qondaala kanaa deebisanii kan qoodan yemmuu ta’u namootni heddus yaadafi ilaalcha qaban jalatti barreessaniiru.

Haala walfakkaatuun akkaawuntiin Tiwiitaraa maqaa Burhi jedhufi hordoftoota kuma 100 ol qabus viidiyoo kana barreeffama “Bara 2023tti gabaa garbaa Afriikaa keessaa. Itoophiyaa keessa jedhameera” jedhu walin qoodee jira: https://x.com/burhimum/status/1691841437133164726?s=48&t=dmcdufxK8i9nmLEWi2-yGQ

Haa ta’u malee qorannoo Itoophiyaa Chek viidiyoo kana irratti taasiseen viidiyichi Itoophiyaa keessatti kan waraabame akka hintaane mirkaneeffatee jira.

Namootni uffata adii uffatanii viidiyicha keessaa mul’atanis akka akkaawuntiiwwan Tiwiitaraa lamaa jedhanitti gurgurtaaf kan dhiyaatan miti.

Viidiyoon kun biyya Senegaal araddaa Jilaas (Djilasse) jedhamtu keessatti kan waraabame yemmuu ta’u, jiraattota aradichaa taatee aadaa Ndut jedhamuuf walitti qabaman kan agarsiisudha.

Taateen aadaafi amantaa kun uummattoota Sarar kan biyyoota akka Senegaal, Gaambiyaafi Moritaaniyaa keessatti argamaniin raawwatamu yemmuu ta’u sirna ijoolleen gara dargagummaatti itti ce’anidha.

Haaluma kanaan namootni viidiyicha keessatti huccuu adii uffatanii mul’atan ijoollee dhiirolii sirna gara dargagummaatti ce’uu raawwachaa jiranidha.

Viidiyoowwan araddaa Jilaas keessatti raawwatame kana agarsiisan TikTok fi Yuutuubii irratti bal’inaan qoodamanii kan jiran yemmuu ta’u, viidiyoon ji’oota saddeet dura toora Yuutuubii irratti qoodame kun sirnicha bal’inaan kan agarsiisudha: https://www.youtube.com/watch?v=nlRp1pzvwmQ

Viidiyoon sirnicha agarsiisufi kallattii biraan waraabames ji’oota saddeet dura TikTok irratti qoodamee ture: https://www.tiktok.com/@lang.simal.tv/video/7181753490769825030

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::