Faransaay kaadhimamtootni filannoo ji’oota jahan filannoon duraa keessatti baajii cuqulisa Tiwiitar fayyadamuu akka hin dandeenye beeksifte

tekinooloojii

Adoolessa 21, 2015

  1. Faransaay kaadhimamtootni filannoo ji’oota jahan filannoon dura jiran keessatti baajii cuqulisa Tiwiitar fayyadamuu akka hin dandeenye beeksifte. Komishiniin Biyyaalessaa To’annoo Faayinaansii Duula Filannoofi Siyaasaa (CNCCFP) akkaawuntii Tiwiitaraa isaarratti akka beeksisetti, baajiin cuquliisni kanfaltii kanfaluun argamu seera filannoo biyyattii kan cabsudha. Seerri filannoo Faransaay ji’oota jahan filannoon dura jiran keessatti duulawwan na filadhaa kanfaltiin itti kanfalamee gama miidiyaan tamsa’an ni dhorka.
  1. Miidiyaan hawaasaa viidiyoowwan gaggabaaboo qooduuf filatamaa ta’e TikTok hojimaata haaraa maamiltootnisaa qabiyyeewwan barreeffamaa akka qoodan dandeesisu hojiirra oolchuusaa beeksise. Tajaajilli haaraa kun maloota maamiltootni yaadawwan isaanii itti ibsatan kan bal’isudha jechuun dhaabbatichi jalqaba torbee kanaatti gabaasa baasera.
  1. Tiwiitar maqaafi mallattoo daldalaa isaa gara qubee X tti jijjiiruu isaa jalqaba torbee kanaatti beeksiseera. Haaluma kanaanis fakkiin simbirroo mallattoo Tiwiitaraa ta’uun beekamu mallattoo Xn bakka buufameera. Jijjiirraan maqaafi mallattoo daldalaa kun qaama miidiyaa hawaasaa kana gara mosaajii tajaajila maraatti (the everything app) jijjiiruu akka ta’e abbaan qabeenyaa dhaabatichaa Iloon Mask himeera.

Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefii geessituuwwan Telegiraamaa isanii:

– Ergaa Wiixataa keenyaan tekinooloojii hubannoo namtolchee ilaalchisee afaan Tigriffaan barreeffama qoodneerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2093

– Akkasumas odeeffannoo ‘qormaatni biyyaalessaa kutaa 12ffaa hatamee bahun raabsamaa jira’ jechuun qoodamaa tures qulqulleessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2095

– Viidiyoo godina Jimmaa aanaa Geeraatti waraabamefi miidiyaalee hawaasaarratti bal’inaan qoodamaa ture ilaalchisees ibsa dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2099

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::