Waggoota afran darbanitti facaatiin haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa bal’inaan mul’achuu himame

META removed the official Facebook pages of General Mohamed Dagalo and the Rapid Force

Bitooteessa 01, 2015

  1. Daayirektarri barruu Fitih gaazexeessaa Tamasgeen Dassaalany yakka odeeffannoo sobaa tamsaasuu ittiin himatamee turerraa bilisa jedhamuu Itoophiyaa Insaayidar guyyaa Roobii darbe gabaasee jira. Gaazexeessicha bilisaan kan gaggeesse Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Ramaddii Lidataatti dhaddacha farra shororkaa fi dhimmoota heeraa ta’uu gabaasichi hima. Himatni gaazexeessaa Tamsgeen irratti saaqame barreeffamoota Raayyaa Ittisaa ilaalchisuun bara 2012 fi 2014 keessa barruu Fitih irratti maxxanfaman lamaan kan walqabatu akka ta’e himameera. Manni Murtiis barreeffamootni kunneen haala adda ta’een kan bira darbamu fi maxxansicha kan fayyadame haasaa jibbiinsaa tamsaasuuf osoo hintaane gabaasa oduutiif ta’uu hubachuun bilisaan akka gadhiifamu murteessuu Itoophiyaa Insaayidar gabaasera.
  1. Haasaa jibbiinsaa pirezidaantiin Tuuniziyaa Keyis Sa’id baqattoota ilaalchisee dubbataniiru jedhame hordofee Baankiin Addunyaa hojileen deeggarsaa biyyattii keessatti hojjetu akka dhabbatan murteessuu AFP jalqaba torbee kanaatti gabaasee jira. Haasaan pireezidaantichaa “haleellaa sanyii irratti xiyyeeffate fi walitti bu’iinsa kan kakaasudha” jechuun pirezidaantiin baankichaa dubbachuu isaanii gabaasichi hima. Pireezidaant Keyis Sa’id, baqattootni biyyoota gammoojjii Sahaaraa gadii irraa deeman gochaalee yakkaan himachuu isaanii hordofee Gamtaa Afriikaa dabalatee dhaabbileen garagaraa ibsa baasuun isaanii ni beekama.
  1. Facaatiin haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa waggoota afran darbantti baay’inaan mul’achaa dhufuu fi rakkoolee Itoophiyaa keessatti uumamaniif ka’umsa ta’aa akka ture Deetaan Ministeera Nagaa Dr. Suyyum Masfin himan. Angawaan kun leenjii ministeerichi labsii haasaa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa ilaalchisee hayyoota, hojjettoota miidiyaa, rogeeyyii fi namoota beekamoof torbee kana keessa kennerratti dubbatan. Dr. Suyyum, “odeeffannoon sobaa waraana caalaa dirmammuu badaa dhalootaa dhalootatti darbu dhiisee kan darbudha” jedhaniiru.

Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessine fi geessituuwwan isaanii:

– Ergaa Wiixataa keenya tobee kanaan mataduree ‘lammiileen odeeffannoo hin daangofne akka argatan gochuun carraa odeeffannoo sobaaf saaxilamuu isaanii ni hir’isa’ jedhuun barreeffama isinif qoodnerra: https://t.me/ethiopiacheck/1892

– Suuraan gogiinsa godina Booranaatti mudateen walqabatee miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamaa ture soba ta’uu mirkaneessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/1893

https://t.me/ethiopiacheck/1894

– Gochaa burjaajii ykn goyyomsuu miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamaa tures qorannee saaxillee jirra: https://t.me/ethiopiacheck/1899

– Dabalataan ergaawwan hubannoo itti fayyadama miidiyaa dabalan fi viidiyoon deeggaramanis qooqa garagaraan isnif dhiyeessinee ture:

https://t.me/ethiopiacheck/1895

https://t.me/ethiopiacheck/1896

https://t.me/ethiopiacheck/1897

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::