Hordoffii miidiyaa Jimaataa: Dhaabbatni Tiwiitar imaammata dubbii jeequmsa uumu irratti fooyya’iinsa taasise

rights organizations call on Ethiopia to end internet shutdowns

Guraandhala 24, 2015

  1. Dhaabbatni Tiwiitar imaammata dubbii jeequmsa uumu (Violent Speech Policy) irratti fooyya’iinsa taasisuu isaa torbee kana keessa beeksisee jira. Fooyya’iinsi kun qabiyyeewwan ‘haasaa jeequmsa uumu’ keessatti ramadamuu danda’an tarreessee jira. Haaluma kanaan qabiyeewwan nama ajjeesuuf, gidirsuuf akkasumas haleellaa saalaa raawwachuuf dhaadachuu ofkeessaa qaban qooduun kan adabsiisu akka ta’e eerameera. Akkasumas mana fi dawoo namootaa dabalatee bu’uraalee misoomaa tajaajila bu’uuraa kennan irratti miidhaa geesisuuf dhaadachunis dhorkaa akka ta’e ibsameera. Hookkara kakaasuu fi leellisuunis tartiibicha keessa kaayamaniiru. Dhaabbatichi maamiltootasaa imaammata kana cabsan sadarkaa balleessaa isaanii irratti hundaa’uun akkaawuntii yeroof qoqqobuu hanga cufuutti tarkaanfii akka fudhatu beeksisee jira.
  1. Gamtaan Afriikaa haasaa sanyummaa pirezidaantiin Tuuniziyaa godaantota ilaalchisee dubbatan kan balaaleffatu ta’uu beeksiseera. Komishinichi ibsa jalqaba torbee kanaa baasen dhimma kana ilaalchisee Gamtaa Afriikaatti bakka bu’aa Tuuniziyaa waamuun haasofsiisuu isaa himeera. Pirezidaantiin Tuuniziyaa Keyis Sa’id godaantota biyyoota gammoojjii Sahaaraan gadii irraa ka’an gochaalee yakkaan erga himatanii booda dhaabbileen mirgoota namoomaaf falman fi waldaaleen siiviilii ibsawwan balaaleeffannaa baasuun isaanii ni yaadatama.
  1. Bara faranjootaa 2022 keessa biyyoota 35 keessatti gochaalee uggura intarneetii 187 galmeessuu isaa dhaabbatni idil-addunyaa ‘Access Now’ hime. Dhaabbatichi innis ta’e dhaabbileen michuu gochaa uggura intarneetii galmeessuu erga eegalanii as lakkoofsi kun isa olaanaa ta’uu beeksiseera. Uggurri fi adda ciccituun intarneetii kan mudatus yeroo namootni odeeffannoo haalaan itti barbaadan fi taateewwan akka hokkara, waraana, gaaga’ama namoomaa fi kkf uumamanitti ta’uu hime. Yemmuu tasgabbiin dhabamutti uggurri maloota qunnamtii irratti raawwatamu tamsa’uu odeeffannoo sobaaf sababa ta’uu akka danda’u ogeeyyiin himu.

✅️Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefii geessituuwwan isaanii:

– Ergaa Wiixataa keenyaan qabxiilee odeeffannoowwan miidiyaalee hawaasaa fi marsariitiiwwan irratti agarru dhugaa ta’uu isaanii beekuuf nu gargaaran Afaan Tigriffaan dhiyeesineerra: https://t.me/ethiopiacheck/1875

– Jalqaba torbee kanaatti odeeffannoo Kaawunsiliin Misoomaa Itiyoo-Ameerikaa yaa’ii Mana Maree Magaala Finfinnee ilaalchisee qoode qulqulleessineerra: https://t.me/ethiopiacheck/1881 fi  https://t.me/ethiopiacheck/1882

– Mataduree ‘Odeeffannoon sobaa tokko bal’inaan akka tamsa’uuf maaltu sababa ta’uu danda’a?’ jedhuun qorannoo yaada ummataa hojjennee bu’aa isaas dubbistootaaf qoodnee ture: https://t.me/ethiopiacheck/1876

https://t.me/ethiopiacheck/1883

https://t.me/ethiopiacheck/1885 fi https://t.me/ethiopiacheck/1886

– Dabalataan odeeffannoowwan itti fayyadama miidiyaa dabalan fi viidiyoon deeggaramanis isinif dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/1877

https://t.me/ethiopiacheck/1879 fi https://t.me/ethiopiacheck/1880

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::