Yaaddoo hubannoon nam-tolchee uume hir’isuuf tumsi qindaa’aan idil addunyaa akka jiraatuf barreessaa olaanaan UN waamicha dhiyeessan

tekinooloojii

Waxabajjii 09, 2015

  1. Miidiyaalee dijitaalaa irratti baay’achaa dhufuu odeeffannoowwan sobaafi haasaawwan jibbiinsaa akkasumas yaaddoo tekinoloojiin hubannoo nam-tolchee uume hir’isuuf tumsi qindaa’aan idil addunyaa akka barbaachisu barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) Antooniyoo Guteerez jalqaba torbee kanaatti beeksisaniiru. Qajeeltoo naamusaa (Code of Conduct) mootummootni, dhaabbileen tekinoloojiifi qaamolee dhimmichi ilaallatu biroo ittiin hogganaman qopheessuunis hojii dursa argachuu qabu akka ta’e himaniiru. Dhimmicha ilaalchisuun boordii gorsitootaa saayinsaawaa akka hundeessan kan himan Guteerez, yaaddoo tekinoloojiin hubannoo nam-tolchee uume to’achuuf dhaabbatni Ejansii Humna Atoomikii Idil Addunyaa fakkaatu akka hundeeffamuuf deeggarsa agarsiisaniiru.
  2. Yuutuubiin ulaagaalee namootni qabiyyeewwan Yuutuubii hojjetan maallaqa beeksisarraa argamu akka qoodatan dandeesisu (monetization) irratti fooyya’iinsa taasisuu isaa beeksiseera. Ulaagaan haaraa kun namootni maamiltoota (subscribers) 500 horachuu, viidiyoowwan sadi maxxansuu fi waggaa tokko keessatti sa’aatiiwwan 3,000f daawwatamuu yookiin immoo viidiyoowwan gaggabaaboo maxxansan guyyoota 90 keessatti daawwii miliyoona sadi argachuu akka qaban hima. Kanaan dura namootni viidiyoowwan Yuutuubii irratti maxxansan irraa galii argachuuf maamiltoota (subscribers) 1,000 argachuu, sa’aatiiwwan 4,000f daawwatamuu fi viidiyoowwan gaggabaaboon isaan maxxansan guyyoota 90 keessatti al miliyoona 10 daawwatamuun irra jira ture. Fooyya’iinsi ulaagaa kun lakkoofsa fayyadamtoota odeeffannoowwan sobaa qoodan dabaluu danda’a jechuun yaadoo uumee jira.
  1. Tiwiitar daangaa yeroo maamiltootnisaa baajii cuquliisa qaban (Twittet Blue Subscribers) qabiyyee maxxansan tokko itti gulaaluu danda’an gara sa’aa tokkootti ol guddisuu isaa beeksise. Dhaabbatichi tajaajila qabiyyeewwan qoodaman gulaaluu (edit tolchuu) jalqaba bara kanaatti hojiirra kan oolche yemmuu ta’u tajaajilcha fayyadamuu kan danda’anis maamiltootasaa baajii cuquliisa qabanidha. Daangaan yeroo qabiyyee tokko erga maxxansanii booda deebi’anii itti gulaaluun danda’amu daqiiqaawwan 30 qofa ture.️Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

    – Ergaa Wiixataa keenyaan baajii mirkaneessa abbummaa akkaawuntiiwwan fi fuulawwan miidiyaalee hawaasaa akkamiin argachuun akka danda’amu ilaalchisee afaan Tigriffaan odeeffannoo qoodnerra:
    https://t.me/ethiopiacheck/2031

    – Odeeffannoo Baankiin Daldalaa Itoophiyaa hanna maallaqaa lakkoofsawwan herreegaa maamiltootaa irratti raawwatamu ilaalchisee qoode afaanota Amaariffaa fi Tigriffaan dhiyeessineerra:
    https://t.me/ethiopiacheck/2033
    https://t.me/ethiopiacheck/2034

    – Walitti qabaa boordii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa kan turan Obbo Girmaa Waaqee ilaalchisee viidiyoowwan bifa nama dogongorsuun TikTok irratti qoodamanis sakattaanerra:
    https://t.me/ethiopiacheck/2035
    https://t.me/ethiopiacheck/2036

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::