Odeeffannoon sobaa fi dogongoraa guddina sirna dimokiraasii Gaanaaf yaaddoo uumera jedhame

META removed the official Facebook pages of General Mohamed Dagalo and the Rapid Force

Fulbaana 11, 2016

  1. TikTok tekinooloojii qabiyyeewwan hubannoo namtolcheen hojjetaman adda baasuun mallattoo irra kaa’u hojiitti galchuuf akka ta’e beeksise. Tekinooloojiin fayyadamtoota TikTok deeggaruuf qophaa’e kun qabiyyeewwan hubannoo namtolcheen hojjetaman fi miidiyaa hawaasichaarratti qoodaman salphaatti adda baafachuu danda’a jedhameera. Dabalataan TikTok, ‘deepfake’ dabalatee qabiyyeewwan hubannoo namtolcheen hojjetaman kunneen biroo gama to’achuutiin imaammata cimaa akka qabu ni beekama.
  1. Meta’n dhaabbilee miidiyaalee hawaasaa akka Feesbuukii fi Instagram fayyadamaniif tajaajila baajii cuquliisa gurguruu eegaluusaa beeksise. Baajiin yookiin mallattoon abbummaa fuulawwan yookiin akkaawuntiiwwan miidiyaalee hawaasaa kun maxxansawwan dhaabbileen kunneen qoodan haalaan akka ilaalaman akkasumas akkaawuntiiwwan fakkeeffamanii banaman salphaatti adda baasuu akka dandeessisu Meta’n himeera. Dhaabbatichi namoota dhuunfaaf baajii cuquliisa gurguruu erga eegalee bubbuleera.
  1. Tamsa’inni odeeffannoowwan sobaa fi dogongoraa sirna dimokiraasii Gaanaa guddinarra jiru quucarsuu danda’a yaaddoo jedhu akka qaban Ministirri Odeeffannoo biyyattii beeksisan. Ministirri Odeeffannoo Gaanaa, Kojo Oppong Nikrumah laafinni miidiyaaleen gama rakkinicha ittisuutiin agarsiisan caalmaatti akka isaan yaaddesses ibsa miidyaaleef har’a laataniin himaniiru. Odeeffannoowwan sobaa fi dogongoraa gama tamsaasuutiin gareeleen siyaasaa biyyattii keessa jiran qooda akka qabanis himaniiru.

Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessine fi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

– Ergaa Wiixataa keenyaan maalummaa dandeettii itti fayyadama miidiyaa fi gahee tamsa’ina odeeffannoo sobaa ittisuu keessatti qabu ilaalchisee barreeffama isiniif qoodneerra: https://t.me/ethiopiacheck/2188

-Suuraa dogongoraa “hiriira magaalaa Amboo keessatti adeemsifame agarsiisa” jechuun qoodames saaxilleerra: https://t.me/ethiopiacheck/2190

-Facaatii haasaa jibbinsaa gama ittisuutiin gahee akkamii bahachuu akka qabnu ilaalchisees barreeffama dhiyeessineerra: https://t.me/ethiopiacheck/2191

-Akkasumas itti fayyadama miidiyaalee hawaasaa fi fayyaa sammuu ilaalchisee barreeffama qixeessinee isin biraan geenyerra: https://t.me/ethiopiacheck/2192