Tamsa’inni haasaa jibbiinsaafi odeeffannoowwan dogongoraa akka dhaabbatuuf waldaaleen siiviilii 36 waamicha dhiyeessan

META removed the official Facebook pages of General Mohamed Dagalo and the Rapid Force

Qaammee 03, 2015

  1. Dhaabbileen waldaalee siiviilii 36 tamsa’inni haasaa jibbiinsaafi odeeffannoowwan dogongoraa akka dhaabbatuuf waamicha nagaa bara haaraa sababeeffachuun dhiyeessaniin gaafataniiru. Waldaaleen kunneen “haasaawwan jibbiinsaafi ergaawwan hookkara kakaasan walitti bu’iinsawwan kan uuman fi kan hammeessan ta’uu isaanii waggoota darban keessatti ilaallerra” jedhaniiru. Kanaafis rogeeyyii fi dhiibbaa uumtonni miidiyaalee hawaasaafi kunneen biroon odeeffannoowwan dogongoraa tamsaasuu, akkasumas itti fayyadama afaanii hookkarafi walitti bu’iinsa kakaasan irraa akka ofqusatan dhaamanii jiru.
  1. Yuutuubiin ogeeyyii fayyaa Yunaayitid Kingidam keessatti argamaniif baajii mirkaneessa gahumsaa kennuu eegaluusaa BBC’n gabaase. Baajiin mirkaneessa gahumsaa kun odeeffannoowwan sobaa Yuutuubii irratti qoodaman ittisuu kan kaayyefate akka ta’es himameera. Baajii mirkaneessa gahumsaa kana aragachuufis doktoroonni, narsoonnifi ogeeyyiin xinsammuu Waxabajjii darberraa eegalee galmaa’aa turuunsaanis gabaafameera. Ulaagaalee galmee keessaayis heeyyama ogummaa fayyaa kan qaban akkasumas kanaan dura odeeffannoowwan sobaa qoodanii kan hin beekne kan jedhan ni argamu. Qabiyyeewwan ogeeyyiin fayyaa baajicha argatan qoodanis dursanii akka sakatta’aman himameera. Yuutuubiin odeeffannoowwan sobaa dhimma fayyaan walqabatan to’achuuf imaammatawwan isaarratti fooyya’iinsawwan taasisuu isaa torbeewwan muraasa dura beeksisee ture.
  1. Guugil oduufi qabiyyeewwan biroo wayita namootni Guugil irratti waa barbaadan bu’aawwan barbaachaa jalatti mul’ataniif (Snippets) maqaa galaalchitoota fi barreessitoota mul’isuu eegaluunsaa himame. Miidiyaan dhimma tekinooloojiirratti gabaasuu Sarraawund Teebil akka gabaasetti tarkaanfiin Guugil kun ammatti sadarkaa yaaliirra jira. Kanaan dura qabiyyeewwan bu’aawwan barbaachaa (search results) jalatti mul’atan irratti mataduree oduu, suuraafi dhimma ijoo qofatu mul’ata ture. Maqaan galaalchitoota fi barreessitootaa ida’amuun isaa dubbistootni odeeffannoo fooyyee akka argatan kan gargaarudha jedhameera.

Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

– Ergaa Wiixtaa keenyaan odeeffannoowwan dhimma fayyaa miidiyaalee hawaasaarratti qoodaman ilaalchisee ofeeggannoo taasisuu qabnurratti Tigriffaan barreeffama qoodnerra: https://t.me/ethiopiacheck/2169

– Chaanalii Telegiraamaa sobaa maqaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaatiin banames saaxilleerra: https://t.me/ethiopiacheck/2172

-Gumaacha yaadawwan maxxansawwan miidiyaalee hawaasaa jalatti barreeffaman dubbisuun gama odeeffannoo sirrii argachuutiin qabu ilaalchisees barreeffama qoodnerra: https://t.me/ethiopiacheck/2173

https://t.me/ethiopiacheck/2174