Odeeffannoowwan sobaa tekinooloojii hubannoo nam-tolcheen hojjetaman adda baafachuuf rakkisoo ta’uun isaanii himame

META removed the official Facebook pages of General Mohamed Dagalo and the Rapid Force

Waxabajjii 23, 2015

  1. Carraan Tiwiitiiwwan (Tweets) tekinooloojii hubannoo nam-tolcheen omishaman kunneen namootaan barreeffaman caalaa amanamoo ta’anii argamuu isaanii olaanaa ta’uu qorannoon hime. Bu’aan qorannoo mataduree “AI model GPT-3 (dis)informs us better than humans” jedhuun barruu Saayins Advaansis (Science Advances) jedhamurratti maxxanfame, odeeffannoowwan sobaa hubannoo nam-tolcheen omishaman adda baafachuuf rakkisoo ta’uu isaanii himeera. Tiwiitiiwwan bifa samuudaan qorannicharratti faayidaarra oolan tekinoloojii ChatGPT-3 jedhamuun kan barreeffamanidha.
  1. Mootummaan Awustiraaliyaa wixinee seeraa dhaabbilee miidiyaa hawaasaa tamsa’ina odeeffannoo sobaa gama to’achuutin hanqina agarsiisan irratti tarkaanfii fudhachuu dandeessisu qopheessuun isaa himame. Wixineen seeraa kun Abbaa Taayitaa Komunikeeshinii fi Miidiyaa Awustiraaliyaaf aangoo raawwachiisummaa kan laate yemmuu ta’u, dhaabbileen seera kana cabsan adabbiin doolaara miliyoonaan lakkaa’amu isaan eeggata jedhameera. Falmitootni mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu gama isaaniitin wixineen seeraa kun isaan yaaddessuu himaa jiru.
  1. Dhaabbatni Meta tekinooloojiiwwan hubannoo nam-tolchee Feesbuukii fi Instagram irratti fayyadamu ilaalchisee ibsa odeeffannoo laatu qoodee jira. Ibsi kun fayyadamtootni miidiyaalee hawaasaa kunneenii tekinooloojiiwwan miidiyaalee hawaasaa akkamiin akka hojjetan hubannoo kan uumudha jedhameera. Dhimmoota ibsicha keessatti hammataman keessaa eeruu hiriyaa, filannoofi duraa duuba qabiyyee maamiltootni ilaalanii (newsfeed) akkasumas hubachiisawwan (notification) fi kunneen biroon akkamitti akka hojjetan kan agarsiisu ni argamu.

Odeeffannoowwan torbee kana keessa dhiyeessinefi geessituuwwan Telegiraamaa isaanii:

– Ergaa Wiixataa keenyaan odeeffannoowwan sobaa mosaajiiwwan ergaa saffisaa daddabarsan irratti qoodaman ilaalchisee barreeffama isinif qoodnee ture:

https://t.me/ethiopiacheck/2054

– Gochaalee goyyomsuu ‘ayyaana Arafaa sababeeffachuun Daandiin Qilleensa Itoophiyaa kennaafi badhaasa qopheessera’ jechuun miidiyaalee hawaasaa irratti qoodamaa turan ilaalchisees odeeffannoo dhiyeessineerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2057

– Dhimmoota odeeffannoowwan miidiyaalee hawaasaarraa argannu irratti dhiibbaa gochuu danda’an ilaalchisees afaan Tigriffaan barreeffama qoodnerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2059

-Beekumsa bu’uuraa hojii odeeffannoo qulqulleessuu ilaalchisees afaan Amaariffaan odeeffannoo qoodneerra:

https://t.me/ethiopiacheck/2061