“Gahee walitti qabaa boordii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa ergan gadi dhiisee as miidiyaa kamiifuu ibsa hin laanne” Obbo Girmaa Waaqee

Girma Wako

Waxabajjii 07, 2015

Obbo Girmaa Waaqee gahee hojii walitti qabaa boordii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa gadhiisuu isaanii hordofee viidiyoowwan gaggabaaboo haasaa isaanii qaban TikTok irratti qoodamaa jiru.

Viidiyoowwan kunneen mataduree “Obbo Girmaa Waaqee callisa isaanii cabsan” fi “Obbo Girmaa Waaqee akkas jedhan” jedhu kan qabanidha.

Fayyadamtootni TikTok baay’een haasaan Obbo Girmaa kun haaraa akka itti fakkaate yaada viidiyoowwan kunneen jalatti barreessan irraa hubachuu dandeenyerra.

Haa ta’u malee viidiyoowwan TikTok irratti qoodamaa jiran kunneen kan turan ta’uu isaanii Itoophiyaa Cheek mirkaneeffateera.

Viidiyoowwan kunneen gaafif deebii Obbo Girmaan miidiyaa Faanaa Birodkaasting Korporeet walin ji’oota muraasa dura taasisanirraa ciramanii kan fudhataman yemmuu ta’u, viidiyoon inni sirriis geessituu kanaan argama: https://youtu.be/8qtnqP1fAGk

Obbo Girmaan viidiyoowwan qoodamaa jiran kan turan ta’uu isaanii Itoophiyaa Cheekif kan mirkaneessan yemmuu ta’u, “gahee walitti qabaa boordii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa ergan gadi dhiisee as miidiyaa kamiifuu ibsa hin laanne” jedhaniiru.

Waggoota lama fi ji’oota jahaaf walitti qabaa boordii Daandii Qilleensaa Itoophiyaa ta’uun tajaajilaa kan turan Obbo Girmaa Waaqee, Waxabajjii 01, 2015 eegalee Ajajaa Humna Qilleensaa Itoophiyaa kan ta’an Letinaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan bakka buufamuu isaanii Daandiin Qilleensichaa ibsa baaseen beeksiseera.

Obbo Girmaan kanaan dura hoji gaggeessaa olaanaa fi miseensa boordii hooggansa Daandii Qilleensichaa dabalatee gitawwan hojii garagaraan tajaajiluu isaanii ibsichaan himameera.

 

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::