Akeekkachiisa akkaawuntiiwwan Feesbuukii sobaa maqaa weellisaa Guutuu Abarraatin banaman!

Guutuu Abarraa

Waxabajjii 15, 2015

Akkaawuntiiwwan fi fuulawwan Feesbuukii sobaa maqaa weellisaa Guutuu Abarraatin banaman odeeffannoowwan garagaraa qoodaa akka jiran hubanneerra.

Akkaawuntiiwwan fi fuulawwan sobaa kunneen keessaa tokko tokko yeroo gabaabaa keessatti hordoftoota kumaan lakka’aman kan horatanidha.

Fakkeenyaaf fuulli maqaafi suuraa artiistichaa fayyadamuun ji’a Caamsaa bara 2015 keessa baname yeroo ji’a tokko hin guunne keessatti hordoftoota kuma 25 horateera.

Fayyadamtootni Feesbuukii heddus fuulli kun sirrii itti fakkaachuun odeeffannoowwan achirratti maxxanfaman jalatti yaadasaanii yemmuu barreessan ilaallerra.

Kunneen odeeffannoowwan fuula Feesbuukii sobaa kanarratti maxxanfaman deebisanii qoodanis xiqqaa miti.

Haa ta’u malee Itoophiyaa Cheek weellisaa Guutuu Abarraa fuula Feesbuukii tokko fi akkaawuntii Feesbuukii tokko qofa akka qabu mirkaneeffateera.

Akkaawuntiifi fuulli Feesbuukii artiistichaa isaan sirriinis geessituuwwan kunneenin argamu: https://www.facebook.com/gutu.abera?mibextid=LQQJ4d fi https://www.facebook.com/GutuAberaGeleta?mibextid=LQQJ4d

Akkaawuntiin Tiwiitaraa artiistichaa inni sirriinis: https://twitter.com/gutu_abera?s=21&t=dmcdufxK8i9nmLEWi2-yGQ

Toorawwan miidiyaalee hawaasaa sobaafi fakkeeffamanii banaman odeeffannoowwan sobaafi dogongoraaf nusaaxiluu waan danda’aniif of eeggannoo yaa taasifnu.

ወቅታዊ መረጃዎችን ቀጥታ በኢሜልዎ ለማግኘት ይመዝገቡ

    ያቀረቡትን የግል መረጃ በግላዊ መመሪያችን መሠረት እንጠብቃለን::